Naannoo Harariitti Barattoonni kutaa 12ffaa qabxii gaarii akka fidan hojiileen adda addaa hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti Barattoonni kutaa 12ffaa qabxii gaarii akka fidan hojiileen adda addaa hojjetamaniiru
Waxabajjii 26/2018 (ENA): Naannoo Harariitti barattoonni kutaa 12ffaa barana qabxii gaarii akka galmeessisaniif hojiileen qophii adda addaa hojjetamuu isaanii Biroon Barnoota Naannichaa beeksise.
Naannichatti qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa har'a kennamuu jalqabeera.
Qormaata biyyaalessaa baranaatiin naannoo Harariitti qabxii fooyya'aa galmeessisuuf, naannichi adeemsa baruu-barsiisuu idilee cinaatti xiyyeeffannoo addaa kennee socho'aa turuunsaa ibsameera.
Haaluma kanaan, birichi qaamolee dhimmi ilaallatu adda addaa waliin ta'uun qophii dandeettii barattootaa cimsu, kan beekumsaafi xiinsammuu taasiisaa turuunsaa ibsameera.
Hogganaan Biiroo Barnoota Naannichaa Obbo Geetuu Nagawwoo yeroo jalqabsiisa qormaataatti akka dubbatanitti, Naannichatti barana qabxii barattoota kutaa 12ffaa qabxii waggoota darban irra fooyyessuuf hojiileen qophii adda addaa hojjetamaa turuusaanii ibsaniiru.
Naannichatti barana barattoonni kuma 2 fi 678 qormaaticha akka fudhatan ibsuun, qormaatichis har'a barnoota saayinsii uumamaatiin jalqabamuu isaa dubbataniiru.
Barattoonni qormaaticha guutummaatti interneetiin akka fudhatan kan eeran hogganaan kun, buufataaleen qormaataa kudhan qophaa'uu isaaniis ibsaniiru.