Hojiiwwan Misooma Turizimii dandettii dinagdee dilbii Itiyoophiyaa mul'isan - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Misooma Turizimii dandettii dinagdee dilbii Itiyoophiyaa mul'isan
Waxabajjii 26/2018 (ENA): Hojiiwwan misoomaa mootummaan damee Turizimiitiin raawwate dandeettii dilbii Itiyoophiyaan damee kanaan qabdu kan mul'isanii fi kan jajjabeeffamuu qaban ta'uu isaanii hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa ENA’f yaada kennan beeksisan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata-duree "Motora Dinagdee Haaraa" jedhuun ibsa yeroo kennanitti, bu'uraalee misooma Turizimii waliin walqabatee hojiiwwan jajjabeessoon raawwatamuu isaanii kaasaniiru.
Keessattuu pirojektoota Maaddii Shaggar, Maaddii biyyaa fi Maaddii dhalootaa keessatti hojiiwwan milkaa'oon kan raawwataman yoo ta'u, ammas hojiiwwan hojjetamaa jiranii fi dhiheenyatti eebbifaman akka jiran ibsuun isaanii ni yaadatama.
Ministirri Muummee ibsa isaaniitiin, "Hambaalee waan qabnuuf qofa Turizimiin kallattiin ni harkifama jechuu miti.
Turizimiin bittaa fi gurgurtaa yoo hin qabaanne, seektara kanaan daldalli maallaqaa yoo hin jiraanne, diinagdee Turizimii jedhamuu hin danda'u,"jechuun motorummaa diinagdee damee kanaa ibsaniiru.
Dhimma kanarratti ENA’n hoggantoota paartilee siyaasaa morkattoota ta’an waliin turtii kan taasise yoo ta'u; hoggantoonni xiyyeeffannoon damee Turizimiitiif kenname dandeettii dilbii Itiyoophiyaan damee kanaan qabdu kan mul'ise ta'uu dubbataniiru.
Itti-aanaan Pirezidaantii Paartii Hiddaasee Injiinar Suraafeel Isheetuu, Itiyoophiyaan teessuma lafaa uumamaan badhaatee fi qilleensa hundaaf mijatu kan qabduu fi hambaalee uumamaa fi namtolchee daawwatamuu qaban kan qabdu ta'uu kaasaniiru.
Biyyattiin qabeenya Turizimiitiin badhaatuu taatus, kanaan dura dameen kun xiyyeeffannoo sirrii waan hin argatiniif, qabeenya Turizimii gara galii ykn maallaqaatti jijjiiruu osoo hin danda'amiin turuu isaa eeraniiru.
Haa ta'u malee, waggoottan darban keessa mootummaan qabeenya damee Turizimii keessa jiru adda baasee misoomsuu waan jalqabeef, qabeenya dilbii dameen kun waliigala diinagdeetiif qabu mul'achaa dhufuu isaa Injiinar Suraafeel ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad buufata xiyyaarraa eegalee hanga bakkeewwan ga’umsaa hundaatti aadaan keessummummaa keenya fooyya'uu akka qabu dhimmi isaan kaasanis bu'uuraa fi xiyyeeffannoon kennamuufii kan qabu ta'uu eeraniiru.
Gara biraatiin, Pirezidaantii paartii Addis Tiwuullid (Paartii Dhaloota Haaraa) obbo Salamoon Taaffasaa gama isaaniitiin, hojiiwwan mootummaan damee Turizimiitiin raawwate kan jajjabeeffamanii fi kan deeggaramanidha jedhaniiru.
Hanga ammaatti damee kanaan hojiiwwan hojjetaman Turistoonni hedduun gara Itiyoophiyaa dhufuu akka danda'an gochuu bira darbee, lammiilee fi abbootii qabeenyaa damee kanaan bobba'aniif abdii guddaa kan kenne ta'uu dubbataniiru.
Waliigala Itiyoophiyaatti damee Turizimiitiin waggoottan darban keessa milkaa'inawwan galmeeffaman cimaniii ittifufu akka qabanis hubachiisaniiru.