Tamsaasa Kallatti:

Dr. Abiyyi Ahimad adeemsa ijaarsa daandii Chaannoo – Canchaa daawwatan

Waxabajjii 26/2018 (ENA) : Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad adeemsa ijaarsa daandii Chaannoo – Cancaa daawwataniiru.

Daandii Chaannoo – Canchaa Kiiloomeetira 22 fi daandii damee Eezzoo Gircaa kan hammate Piroojektii kiiloomeetira 29 dheeratu raawwiin isaa gaarii yoo ta’u, Kiiloomeetirri 13.3 xumurameera jedhan Dr. Abiyyi.


 

Ijaarsi daandichaa guutummaatti yeroo xumuramu walitti hidhamiinsa hawaasaa caalmaatti kan cimsu, imala daldalaa kan si’eessuu fi misooma diinagdee naannawichaa kan saffisiisu ta’uu eeran.

Dr. Abiyyi Loojii Doorzees daawwachuu kaasaniiru.

Loojiin lafa Kaaree meetira kuma 40 uwwise kun teessuma lafaa dinqisiisaa ta’e irratti jiru kun, harawwan Abbayyaa fi Caamoo, akkasuma riqicha ‘Igzeer’ jedhamee waamamu uumama raajii caalmaatti kan mul’isu ta’uu himan.


 

Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa, akkasuma daawwattoonni guutuu addunyaarratti argaman bakkeewwan hawwataa fi miidhagaa kana akka daawwatan waamicha koon dhiyeessa jedhaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015