Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ‘Badhaasa Walitti Hidhamiinsaa’ injifate. - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ‘Badhaasa Walitti Hidhamiinsaa’ injifate.
Waxabajjii 26/2018 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa sirna badhaasa Aviyeeshinii fi Tuurizimii bara 2026 irratti badhaasa ‘Connectivity Award’ injifachuu isaa beeksise.
Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa kana kan argate dhaabbata ‘Eer Tiraanisporti’ irraa ta’uu isaa miidiyaa hawaasummaa isaa irratti beeksiseera.
Daandiin xiyyaaraa kun badhaasni kun bu’uuraalee aviyeeshinii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi walta’iinsa Afriikaa keessatti qabaniif beekamtii kennuufis kan akeeke ta’uu ibseera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena