Ajandaawwan yaa’ii Marii olaanaaf qophaa'an rakkoolee biyyaalessaa turaniif furmaata waaraa fiduu kan dandeessisani dha- Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Ajandaawwan yaa’ii Marii olaanaaf qophaa'an rakkoolee biyyaalessaa turaniif furmaata waaraa fiduu kan dandeessisani dha- Hayyoota
Waxabajjii 26/2018 (ENA): Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin adda bahanii yaa'ii Marii Olaanaaf ajandaaleen saddeettan adda bahan, rakkoolee biyyaalessaa yeroo dheeraaf turaniif furmaata waaraa fiduu kan dandeessisan ta'uu hayyoonni ENA’n dubbise ibsan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannoolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti, akkasumas Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraatan waliin maricharratti akka hirmaataniif waltajjii marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu gaggeessuunsaa ni yaadatama.
Kanaanis, yaa’ii Marii Adoolessaa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamuuf ajandaalee 8 adda baasee dhiheeseera.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan nageenyaa fi tasgabbii Dr.Mulugeetaa Ayyalaa ENA waliin turtii taasisaniin, adeemsa marii kana keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachuun isaanii komishinichi qajeelfama hammatamummaa hordofuu isaa kan agarsiisu dha jedhaniiru.
Mariin kun garee hidhatan dabalatee gara nageenyaatti dhufuun kan irratti hirmaatan ta'uu eeranii, waldhabdeewwan mariitiin furuuf carraa gaarii kan uume ta'uu ibsaniiru.
Ajandaaleen komishinichaan walga'ii olaanaaf adda bahanii dhihaatan waldhabdeewwan karaa waaraa ta'een akka hiikaman bu'uura kan kaa’an ta'uu himaniiru.
Dr.Mulugeetaan itti dabaluun, adeemsi kun seenaa wal-dhabdeetiin beekamu jijjiiruudhaan;dinagdeedhaan kan badhaate, gama jii'oo-politikaa fi jii'oo-istiraateejitiin biyya jabaatte ijaaruuf bu'uura kaa’a jedhaniiru.
Gama biraatiin, Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataatti,qorataa fi xiinxalaan bulchiinsa mootummaa fi bulchiinsa uummataa Dr. Caalii Ittafaa, ajandaaleen marii komishinichaan dhihaatan rakkoolee biyyaalessaa yeroo dheeraaf turaniif furmaata waaraa fiduu kan dandeessisani dha jedhaniiru.
Ajandaaleen dhihaatan akka biyyaatti karaa bilchina qabuun muuxannoon marii akka gabbatu kan taasisan ta'uu ibsuun, kunis gara mo'attummaa walootti kan geessu dha jedhaniiru.
Ijaarsa mootummaa,Caasaa fi gurmaa’insa mootummaa,Sirna siyaasaa, Bakka bu'iinsa siyaasaa fi sirna filannoo, Dhimma magaalota Federaalaa (Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Bulchiinsa Dirree Dhawaa), Dhimmoota amantaa, Ijaarsa dhaabbilee fi Olaantummaa seeraa ajandaalee walga'ii olaanaaf adda ba’an keessaa isaan ijoo dha.
Dabalataanis, mirgoonni namoomaa, dhimmootni hawaasummaa fi dinagdee, dhimmi qonnaan bultootaa fi horsiisee-bultoota, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii akkasumas dhimmootni ijaarsa nageenyaa qabxiiwwan ijoo mariin irratti taasifamu ta'uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksiseera.