Tamsaasa Kallatti:

Odeeffannoon Raaga Qilleensaa bu'a-qabeessa akka ta'uuf qindoominni qaamolee dhimmi ilaallatuu cimuu qaba

Waxabajjii 26/2018(ENA): Odeeffannoon raaga qilleensaa Istitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa tamsaasu bu'aa barbaadamu akka fiduuf qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hawaasni fayyadamaan qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsame.

Marii hojii keessatti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa darbe irratti gamaaggamni gaggeeffamee fi raaga yeroo Gannaa dhufu ilaalchisee mariin qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachise Magaalaa Roobeetti adeemsifamaa jira.


Daayirektarri Giddugala Tajaajila Meetirooloojii Kibba Oromiyaa Inistitiyuutichaa obbo Mulaatuu Warqinaa akka ibsanitti, tajaajilli raaga qilleensaa caalaatti ammayyaa fi hawaasa bira ga'aa akka ta'uuf hojii bal'aan hojjetamaa jira jedhani.

Tajaajila meetiyorooloojii babal'isuu fi ammayyeessuun raaga qilleensaa dhugaa waliin walitti dhiyeenya qabu kennuuf gargaara jedhan.

Akka ibsanitti, yeroo Gannaa dhufu keessatti naannolee Kibba Oromiyaa keessatti roobni dhibbeentaa 20 ol idilee olii, dhibbeentaa 45 idilee, akkasumas dhibbeentaa 35 immoo idilee gadi akka ta'u tilmaamameera.


Kanaaf qaamoleen dhimmi ilaallatu keessumaa naannolee roobni idilee gadi ta'uu danda'u jedhaman keessatti qonnaan bultoonni sanyii yeroo gabaabaa keessatti ga'u akka facaasan deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa akka taasisan jechuun dhaamaniiru.

Akkasumas hoggantoonni sadarkaa garaagaraatti argamanii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu odeeffannoo raaga haala qilleensaa sirnaan hojii irra oolchuun miidhaa uumamuu malu hir'isuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Itti Aanaan Hogganaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyyaa Fu’aad gamasaaniin, odeeffannoon raaga qilleensaa yeroo yeroon kennamu carraa gaarii fayyadamuuf akkasumas balaa mudachuu malu hir'isuuf gargaarsa guddaa akka qabu ibsaniiru.


Hirmaattonni marichaas odeeffannoon raaga qilleensaa yeroo yeroon Inistitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaatiin kennamu hojii hawaasummaa fi dinagdee milkeessuuf shoora olaanaa akka taphatu mootummaa fi hawaasaaf bu'aa qabaachuu isaa eeraniiru.

Giddugalli Tajaajila Meetirooloojii Kibba Oromiyaa Godinaalee Baalee, Baalee Bahaa, Booranaa, Gujii, akkasumas kutaa Arsii fi Arsii Lixaa akka tajaajilu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015