Tamsaasa Kallatti:

Jireenya Lammiilee Mijataa fi Ammayyeessuun kaayyoo guddaa sagantaa misooma koriidarii keenyaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2018 (ENA) : Jireenya lammiilee mijataa fi ammayyaawaa gochuun kaayyoo ijoo sagantaa misooma koriidarii keenyaati jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.


 

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin, Pirojektiin Misooma Koriidarii Magaalaa Arbaaminciitti argine, daandii asfaaltii ammayyaa, ibsaawwan daandii fi iskiriiniiwwan dijitaalaa dabalate yoo ta'u, hojiiwwan koriidarii xumuraman irratti tajaajilli jalqabameera jedhaniiru.

Bu'uuraalee misoomaa ammayyaawaa qulqullina isaanii eeggatan misooma magariisaa waliin wal-qabsiisuun mijattummaa magaalota keenyaa mirkaneessuuf hojiin keenya eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.

Kanaanis , jireenya lammiilee mijataa fi ammayyaawaa gochuun kaayyoo guddicha sagantaa misooma koriidarii keenyaati jedhaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015