Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen Damee Tumizimiitiin naannoo Harariitti hojjetaman hambaalee kan baraaranii fi Harariin bakka ga’umsa tuuristootaa filatamtuu ta’uushee kan guddisedha

Waxabajjii 25/2018 (ENA): Naannoo Harariitti hojiileen damee misooma Turizimiitiin raawwataman hambaalee balaadhaaf saaxilaman kan hambisanii fi Harar filannoo Tuuristootaa ta’uu kan cimse ta'uu Komishiniin Turizimii Naannichaa beeksise.

Fooyya'iinsa dinagdee Gooroo Mandhaalee mootummaan utubbaalee guddina dinagdee furtuu ta'an shan adda baase keessaa Turizimiin isa tokkodha.


Kanaan dura dameen kun bifa quubsaa ta'een osoo hin misoomiinii fi maddii galii isaa osoo hin jabaatiin waan tureef, amma irratti argama sharafa alaa biyyaalessaa guddisuu fi carraa hojii uumuuf akka motora ijootti adda bahee irratti hojjetamaa jira.

Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad "Turizimiin Motora Dinagdee Haaraa" jechuun ibsa kennaniin hojiilee misooma damee kanaan raawwatamanii fi bu'aalee argaman kaasaniiru.

Ministirri Muummeen ibsa isaaniitiin filannoowwan dinagdee adda addaa irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu milkaa'ina damee Turizimiitiin galmaa'e ragaadhaan dhiheessaniiru.


Miidhagina isaanii durii kan ammayyaa waliin walsimsiisuun bakka ga’umsa Turizimii akka ta'aniif, mootummaa jijjiiramaatiin deebisanii kan ijaarramanii fi kan fooyya'an magaalota Itiyoophiyaa keessaa isaan duraa magaala durii fi seena-qabeettii Hararidha.

Dallaan Jugool Hararii fi hambaaleen durii, kan amantii fi seenaa isaa keessatti argaman Itiyoophiyaa bira dabree qabeenya hawaasa idil-addunyaa ta'uun isaanii ni beekama.

Yeroo ammattis biyyattii keessatti hojiin misooma kooriidarii fi haaromsa hambaalee hojjetamaa jiru damee Turizimii magaala seena-qabeettii Harar caalaatti kakaasuun dinagdee naannoo fi biyyaalessaatiif humna haaraa uumaa jira.

Komisinarri Komishinii Turizimii Naannichaa Saamii Abdulwaasii akka ibsanitti, damee Turizimii naannicha jiru sadarkaa ol'aanaatti ceessisuu fi dandeettii isa keessa jiru guutummaatti fayyadamuuf hojiileen misoomaa bal'aan raawwatamaniiru jedhan.

Hojiileen damee Turizimii cimsuuf hojjetamanis hambaaleen balaadhaaf saaxilamanii turan akka misoomanii fi qabiyyeesaanii eeggatanii dhalootaaf akka darban dandeessisuu isaa komishinarichi ibsanii, kunis kaka'umsa damee kanaatiif humna guddaa uumeera jedhan.

Xiyyeeffannoo damee kanaaf kennameen hawwata Turizimii misoomsuu, yeroo turtii daawwattootaa dheeressuu fi dandeettii dinagdee damee kana irraa argamu guddisuurratti hojiileen fooyya'oon raawwatamuu isaanii ibsaniiru.

Bara kana keessatti lakkoofsi turistoota alaa naannicha daawwatanii kan waggaa darbeerraa dhibbeentaa 47 caalmaa argisiisuusaanii kan ibsan komishinarichi, kunis bu'uraaleen misoomaa yeroo guutaman dameen Turizimii utubbaa ijoo dinagdee akka ta'u agarsiiftuudha jedhaniiru.

Akka ibsa obbo Saamiitti, hojiileen damee Turizimii cimsuuf raawwataman turistoota biyya alaa bira dabbree, daawwattoota biyya keessaa, dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa fi qaamonni biroon Harar daawwatanii bareedina ishee addunyaaf akka beeksisaniif carraa bal'aa uumeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015