Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajatichaatti galii birrii biiliyoona 37.7 walitti qabeera

Waxabajjii 25/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kanatti galii birrii biliyoona 37.7 walitti qabuusaa Waajjirri Galiiwwan Magaalichaa beeksise.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar erga hundaa'ee eegalee, pirojektoota gurguddoo misooma kooriidarii,bu'uraalee misoomaa diriirsuu fi miidhagina magaalaa bal'inaan raawwachaa jira.

Fedhiiwwan misoomaa bal'aa kanaan dura jiran hamma danda'ametti dandeettii ofitiin deeggaruufi guddina waliigalaa magaalichaa ariifachiisuuf, dandeettii galii keessaa guddisuun hojii manaa dursa kennamuufii turedha.

Waajjirichi bara baajataa kanaan galii ol'aanaa kana walitti qabuun isaa, pirojektoota misooma magaalichaa dandeettii ofitiin raawwachuu fi gaaffiiwwan bu'ura misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf milkaa'ina guddaa akka ta'etti amanama.

Itti gaafatamaan Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaalichaa obbo Malkaamuu Ambaawu ENAtti akka himanitti, bulchiinsa magaalichaa keessatti bara baajataa kanatti waliigala galii biiliyoona 39.6 walitti qabuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru.

Bara baajataa kanaan maddoota galii adda addaa irraa galii birrii biliyoona 37.7 walitti qabuun karoora qabame dhibbentaa 95 milkeessuun danda’amuu dubbataniiru.

Halli walitti qabinsa galii kan milkaa’e Sirna sassaabbii galii fooyyessuu fi damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu, Kaffaltoota gibiraatiif hubannoo walitti fufiinsa qabu uumuun danda'amuu isaatiin ta’uu ibsaniiru.

Kanaan alatti, barmaatilee nagahee seeraa kutuu guddisuu fi teekinoolojii babal'isuun, kaffaltoonni gibiraa gibira isaanii karaa iftoominaa fi haqamumma qabuun akka kaffalan haalli mijeeffamuusaatiini jedhan.

Yeroo ammaa kanatti kaffaltoonni gibiraa ol'aanoon 400 ol bakka jirani taa’anii karaa dijiitaalaatiin gibira fi kaffaltii isaanirraa eegamu raawwachuu danda'uu isaanii ibsaniiru.

Al-Seerummaa ittisuuf hojiiwwan hojjetamaniin, bara baajataa kanaan daldaltoota karaa seera-alaatiin socho'anii argaman 6 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu ibsaniiru.

Dabalataan, nagahee seeraa kutuu dhabuu isaaniitiin kan ka'e, daldaltoota 240 irratti adabbiin maallaqaafi bulchiinsaa akka raawwatame ibsanii, fuuldurattis hojmaata dijiitaalaa ammayyeessuu fi maamiltoota biratti hubannoo uumuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015