Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uuradha - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

Waxabajjii 25/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uura ta’uu Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa beeksise.
Ibsa tajaajilichi baaseen, Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti marsaa marii haaraa, hunda hammatee fi tarsiimoo keessa akka jirtu ibseera.

Marsaan kun hirmaannaa bal’aa ummataatiin garaagarummaa caasaa fi siyaasaa jaarraa hedduuf ture hiikuuf, waltajjii qaroome irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf carraa seena qabeessa ta’edha.

Aadaa siyaasaa yeroo dheeraaf waldhabdee fi komii keessootiin guutamee ture jijjiiruun mul’anni hunda hammatee fi waliigaltee biyyaalessaa bu’uura ijoo birmadummaa fi biyya badhaate taasisuu har’a hojiirra oolaa jira.

Yeroo ammaa mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhimma filannoo osoo hin taane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmadummaa fi tasgabbaa'aa ijaaruu gaafatudha. Biyya akka Itiyoophiyaa aadaa fi ilaalcha siyaasaa garaa garaa qabdu keessatti, yaada paartii tokko qofa fe’uun furmaata waaraa fiduu hin danda’u.
Kanaaf barbaachisummaan Marii Biyyaalessaa yeroo kamuu caalaa mul’achaa jira.

Ajandaaleen marii gurguddoo saddeet Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa labse sagalee, abdii fi mul’ata lammiilee Itiyoophiyaa kutaalee biyyattii hundarraa fi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dhufan kan calaqqisiisudha.

Ajandaawwan kanneen milkaa’inaan hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa paartii tokkoo qofa miti; hirmaannaa dammaqinaan fi si’aa’inaa lammiilee Itiyoophiyaa hundaa gaafata.
Milkaa’ina adeemsa seena qabeessa kana keessatti paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivikii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonnii fi dhaabbileen biroo gahee mataa isaanii bahuu qabu jedheera.

Adeemsi kun ijaarsa sirna dimokraatawaa Itiyoophiyaa jabeessuun biyya nagaa, wal amantaa fi tumsaan jiraatu dhaloota itti aanuuf dabarsee kennuuf carraa seenaa guddaadha.
Carraa kanatti ogummaadhaan fayyadamnee hiree egeree biyya keenyaa waliin murteessuu qabna.

Kanaaf yaadota hin barbaachifne ajandaalee adeemsa marii biyyaalessaa booressuuf socho’an dura dhaabbannee waldhaggeeffachuu fi wal hubachuuf dursa kenninee, adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti mallattoo gaarii mataa keenyaa kaa’uu qabna.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015