Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qe'ee Moodeela Ammayyaa Hamasaa Eebbisan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qe'ee Moodeela Ammayyaa Hamasaa Eebbisan
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) har’a Qe'ee Moodeela ammayyaa Hamasaa lafa heektaara 79.4 irratti argamu qaama Misooma Kooridara Baadiyyaa ta’e ifatti eebbisan.
Ministirri Muummee ergaa isaanii keessatti Qe'een moodeela ta’e kun mana qaama dhiqannaa ammayyaa, bakka bultii beeyladootaa, iddoo fuduraafi muduraa, baayoogaazii fi horsiisa kanniisaa ykn iddoo gaaguraa kan qabuu fi jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyessuufi mijataa taasisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Kunis jiraattotaaf badhaadhina waliigalaa akka mirkaneessu akeekaniiru.
Qe'een moodelli kun bu'aa jiraataa rifoormii biyyattiitti hojiirra oolaa jiruu kabaja, miijatinaa fi fayyadamummaa dinagdee hawaasa baadiyyaa sadarkaa olaanaatti ceesise akka ta'es hubachiisaniiru.