Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa yoo argatte biyya fayyadamtu malee biyyi miidhamtu akka hin jirre hawaasni addunyaa hubateera - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa yoo argatte biyya fayyadamtu malee biyyi miidhamtu akka hin jirre hawaasni addunyaa hubateera
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Gaaffiin hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kan seenaa, seeraafi teessuma lafaa irratti hundaa’e, dhimma murteessaa fudhatama addunyaa qabu ta’uu isaa hayyoonni ibsan.
Akka Hayyoonni ENA’f ibsanitti, hojiiwwan mirga abbummaa hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf raawwataman karaa saayinsaawaafi dippilomaasii kan hordofanidha.
Baandaa keessaafi humnoonni alaa Itiyoophiyaan waggoota soddoman darban olitti abbummaa hulaa Galaanaa uumamaafi seenaa ishee irraa adda baatee akka turtu gochuun isaanii ni yaadatama.
Jijjiirama biyyaalessaa booda, mootummaan "Ida’amuu" dhimma dhalootaa ukkaamfamee ture dhimma faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa gochuun, gaaffii abbummaa hulaa Galaanaa gara fudhatama addunyaatti ceesiseera.
Yuunivarsiitii Paablik Sarviisii Itiyoophiyaatti barsiisaan Dippilomaasiifi Hariiroo Addunyaa Indaalaa Nugusee akka himanitti, abbummaan hulaa Galaanaa faayidaa biyyaalessaa birmadummaa guutuu biyyattii mirkaneessudha jedhani.
Gaaffiin abbummaa hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seenaa, teessuma lafaafi seera qabaachuu isaatiin alatti, dhimma murteessaa faayidaa biyyaalessaafi fedhii guddachaa jiru kan biyyaalessaafi lammiilee giddugala godhate ta'uu eeraniiru.
Kanaanis, uummataafi mootummaan gaaffii abbummaa hulaa Galaanaa deebii argamsiisuuf, tarsiimoo dippilomaasii saayinsaawaa imaammata hariiroo alaa bu'a qabeessa ta'een deeggarame gara fudhatama addunyaatti ceesisuu isaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonnis akkuma Hidha Haaromsaa tokkummaadhan dhugoomsan, tokkummaa isaanii cimsuun gaaffii dhalootaa kan ta'e abbummaa hulaa Galaanaa kabachiisuuf kutannoodhaan hojjechuun akka irra jiru ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Yuunitiitti barsiisaan Bulchiinsaafi Hariiroo Addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa dhabde shira humnoota diinatiin ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan abbummaa hulaa Gaalaanaa ishee irraa akka fagaattuuf, shirri irratti raawwatame naannicha madda shororkeessitootaa gochuun, fayyadamummaa dinagdee waloo laamshessaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa kanatti abbummaan hula Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu ta'ee dhiyaachuun isaa dhimma fudhatama qabu ta'uu dubbataniiru.