Tamsaasa Kallatti:

“Ajandaa ijaarsa biyyaa irratti garaagarummaa hin qabnu!”- Miseensota Mana Maree Waloo Partiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa

Waxabajjii 25/2018( ENA) : Paartileen siyaasaa Miseensa Mana Marii Waloo Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa irratti qooda fudhachuun magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti waloodhaan biqiltuu dhaabaniiru.


Ergaa ijoo “ Abdii haa dhaabnu” jedhuun ashaaraa magariisaa kaa’uun biyya magariituu dhalootaaf mijattuu taate uumuuf saganticharrtti hirmaataniiru.

Bara kana sosochiin sagantaa ashaaraa magariisaa guutuu Oromiyaatti itti fufee jira.

Paartileen siyaasaa Miseensa Mana Maree Waloo Naannoo Oromiyaas guyyaa har’aa magalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti waloodhaan biqiltuu dhaabuudhaan sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti qooda fudhataniiru.

Miseensoonni mana marichaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanarratti qooda fudhatanis dantaa biyyaaleessaa irratti garaagarummaa tokko malee waloodhaan dhaabachuun qajeeltoo keenya waan ta'eef,sagantaa ijaarsa biyyaa akkanaarratti qooda fudhachuun itti gaafatamummaa seenaa bahachuudhaaf har'a sagantaa kanarratti hirmaanneerra jedhaniiru.


Barreessaan mana maree Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Taarikuu Dinbaruu “Ashaaraan magariisaa dhimma waloota’uu ibsaniiru.

Ajandichi dhalootaaf kan hojjetamu ta’uu ibsuun, bu’aan gama Kanaan argaa jiranis kan dhinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee ijaarsa biyyaa fi dantaa biyyaaleessaarratti garaagarummaa hin qabnu; fulduraafis hin qabaannu jedhaniiru.

Daawwit Waarisaa Araarsoo Paartii Sooshaal Dimokiraasii irraa akka himanitti,gaaffii misoomaa ummata keenyaa waliin deebisuu qabna jedhaniiru.


Garaagarummaan siyaasaa jiraatullee, ijaarsa biyyaarratti itti gaafatamummaa waloo akka qaban ibsaniiru.

Waamicha mootummaan waloon akka hojjennuuf dhiyeesse fudhannee qindoominaan hojjechaa jirra jedhaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Dimokiraasii obbo Mogos Ida’ee sagantaa kanarratti yaada kennaniin, dhimma waloo irratti waloon hojjechuun Kun aadaa siyaasaa biyya kana jijjiiruu keessatti tarkaanfii tokko ta’uu ibsaniiru.

Manni Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa yeroo filannoo duwwaa osoo hin taane, yeroo kamiyyuu dhimmoota waloo fi dantaa biyyaaleessaa irratti waliin hojjechuuf qajeeltoo fi ejjennoo cimaadhaan waloodhaan hojjechaa jira jedhan.

Kunis aadaan siyaasaa biyya keenyaa adeemsaan jijjiramaa fi ammayyaa’aa dhufuu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Hojii ashaaraa magariisaa kaa’uu guyyaa har’aa hojjetameen alattis manni marichaa hojiiwwan tajaajila lammummaa biroo ijaarsa biyyaa keessatti hiika qaban hojjechuuf karoorsee qindoominaan socho’aa jiras jedhan.

Manni Mariichaa har’a waareen booda karoora waloo hojii itti aanuu irrattis kan mari'atan ta'uu ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015