Waggoota Jijjiiramaa darban keessa hojiiwwan damee Tuurizimiitiin raawwatamaniin bu'aa qabatamaan argameera - ENA Afaan Oromoo
Waggoota Jijjiiramaa darban keessa hojiiwwan damee Tuurizimiitiin raawwatamaniin bu'aa qabatamaan argameera
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaa keessatti waggoota jijjiiramaa darban keessa damee misooma Tuurizimiitiin hojiiwwan raawwataman bu’aa qabatamaa galmeessisuu isaanii hayyoonni damichaa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu ENA’f yaada kennan ibsan.
Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad,“Tuurizimiin Mootora Dinagdee Haaraa!” mataduree jedhuun ibsa kennaniin, hojiiwwan misooma damicha keessatti raawwatamani itti fufuun bu’aawwan argaman eeraniiru.
Ministirri Muummeen ibsa isaaniitiin, filannoowwan dinagdee hedduu irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu damee Tuurizimiitiin milkaa'ina galmaa'e akka agarsiiftuutti eeraniiru
Naannoo Baalee keessatti kanneen argaman kan akka holqa soofumaar, Dirree Sheek Huseen, Gaarreen Baalee dabalatee ijaarsa pirojektoota "Maaddii biyyaaf" misooma koriidaraa magaalaa fi haaromsi hambaalee dandeettii guddinaafi bayyanachuu damee Turiizimiitiif ta'uu isaanii ibsaniiru.
Barsiisaafi qorataa damichaa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu
Dr. Sintaayyoo Ayinaalam akka ibsanitti, Godinni Baalee sirnoonni naannoo (ecosystems) adda addaa bakka tokkotti kan argamanii fi Damee Tuurizimiitiif dandeettii guddaa qabaachuu isaa dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo Mootummaan damichaaf kenneen, hawwata Tuurizimii misoomsuun, yeroo turtii daawwattootaa dheeressuufi galii damicharraa argamu madaaluun hojiiwwan fooyya'oon kan itti raawwataman ta'uu ibsaniiru.
Inisheetivii misooma Tuurizimii Ministira Muummee walii gala damee Tuurizimii kakaasaa jiraachuu kan eeran qorataan kun, Yuunivarsiitichi gufuuwwan damicha keessatti mul'atan qorannoodhaan adda baasuuf qorannoo pirojektii meeggaa waggaa shanii gaggeessaa akka jiru addeessaniiru.
Ministirri Muummee kuufama dilbii Godinichaa ifatti eeruun isaanii, kaka'umsa damichaaf dandeettii guddaa ta'u ibsuun, hojiiwwan ijaarsa bu'uraalee misooma Tuuriizimii jalqabaman yeroo guutaman damichi utubaa dinagdee akka ta'u dubbataniiru.
Godinni Baalee naannoo walirraa fagoo hintaane keessatti sirnoonni naannoo gosa adda addaa salphaatti kan itti argaman, ta’uusaa barsiisaafi qorataa yuunivarsiitichaa kan biraa Dr. Haddis Taaddasaa ibsaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo sekterichaaf kenneen misooma hawwata kanaa gara hojiitti galchaa jiraachuu ibsuun; kunis yeroo turtii turistootaa dheeressuun galii damicha irraa argamu guddisuuf akka gargaaru eeraniiru.
Sadarkaa yuunivarsiitiittis kanaan dura hambaalee gurguddoo beekaman cinaatti, hambaaleen haaraan 100 ol qorannoodhaan adda baafamuu isaaniifi hambaaleen adda baafaman kunniin addunyaa saayinsiitiin akka beekamaniif kaartaan dijitaalaa qophaa'eefii akka jiru agarsiisaniiru.