Tamsaasa Kallatti:

Ogeeyyiin konfiraansii marii guddicha irratti ibsa ogummaa kennan beekumsa irratti hundaa’e hubannoon waloo akka uumamuuf hojjechuu qabu

Waxabajjii 25/2018 (ENA): Ogeeyyiin konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha irratti ibsa ogummaa kennan mariin sababaan akka qajeelfamuuf beekumsa irratti hundaa’e hubannoon waloo akka uumamuuf hojjechuu qabu.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii guddicha irratti ogeessota ibsa ogummaa kennan waliin waltajjii marii gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti Koomishinara Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa, Itti aanaa Koomishinara Olaanaa Hiruut Gabrasillaasee, komishinaroonni komishinichaa biroo fi hayyoonni affeeramanii argamaniiru.


Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa wayita kana haasaa taasisaniin,Hayyoonni konfiraansii kana irratti ibsa ogummaa kennan damee ogummaa fi sadarkaa itti gaafatamummaa adda addaa irraa akka dhufan ibsaniiru.

Komishinichi itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa akka itti kenname eeruun waggoota afran darban keessatti hojiiwwan hedduu milkaa’inaan raawwachuu isaa yaadachiisaniiru.
Konfiraansiin marii guddichi adeemsa seenaa guddaa ta’uu ibsuun, adeemsi kun garee adda addaa saddeetitti kan qoodamu ta’uu ibsaniiru.

Hayyoonni yeroo konfiraansichaa ogummaa isaaniif amanamoo ta’anii beekumsa isaanii waliif qooduun adeemsichi sammuudhaan akka gaggeeffamu itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015