Tamsaasa Kallatti:

Damee Turizimii diinagdee fi ijaarsa bifa biyyaaf oolchuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa

Waxabajjii 23/2018 (ENA): Damee Turizimiin ogeessota gahumsaa fi dandeettii qaban horachuun diinagdee fi ijaarsa bifa biyyaaf oolchuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufu jedhan de’eetaan ministeera hojii fi ogummaa Dr. Tashaalee Bareechaa.

Inistiitiyuutiin Tuurizimii Federaalaa torbee Tuurizimii fi Keessummeessitootaa 13ffaa mata duree “Ogummaa Ol’aanaa Misooma Tuurizimiif” jedhuun qophiilee adda addaatiin kabajuu eegaleera.


Sirna baniinsa sagantichaarratti De’eetaan Ministeera Hojii ogummaa Dr. Tashoomaa Bareechaa, De’eetaa ministira Tuurizimii obbo Silashii Girmaa, Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa obbo Geetaachoo Nagaash, qondaaltonni olaanoo mootummaa, qooda fudhattoonni damichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

De’eetaan ministira hojii fi ogummaa Dr. Tashoomaa Bareechaa wayita sana akka dubbatanitti, mootummaan humna hojjetaa bu’a qabeessaa fi gahumsa qabu damee turizimii keessatti oomishuuf tattaaffii haaromsaa bal’aa raawwachuu isaa ibsaniiru.

Haaromsa kana hordofuun Inistiitiyuutii Tuurizimii Federaalaa cimsuuf hojiin hojjetamaa kan ture yoo ta’u, inistiitiyuutichi waggoota darban keessatti ogeessota gahumsa qabaniifi dorgomaa ta’an dameewwan turizimii adda addaatiin oomishuu akka danda’e hubachiisaniiru.

Inistiitiyuutichi barnoota idileetiin alatti leenjii gaggabaaboo kennuudhaan lammiilee hedduu bira gahuu danda’uusaa hubachiisuun, kanaanis namoota hedduudhaaf carraa hojii uumuun isaa ni yaadatama jedhan.

Humna hojjetaa biyya keessaa qofa osoo hin taane gabaa alaa keessattis dorgomaa ta’uu danda’u damee kana keessatti hojjetamaa jiraachuu kan ibsan de’eetaan miniriraa kun, hojiin kun daran cimuu qaba jedhaniiru.


Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tuurizimii Federaalaa obbo Geetaachoo Nagaash gama isaaniitiin inistiitiyuutichi ogeessota damichaa hedduu oomishuun guddina industirichaaf gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu fi gara fuulduraattis gahee kana cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Torban Tuurizimii fi Keessummeessitootaa bara kanaa sagantaalee adda addaa inistiitiyuuticha bu’a qabeessa taasisuu fi damicha guddisan waliin akka kabajamu ibsaniiru.

#ENA_Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015