Naannoo Oromiyaatti qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa kennamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa kennamaa jira
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa eegalamuusaa Biiroon Barnootaa Naannichaa beeksiseera.
Qorumsichi Waxabajjii 23 bara 2018 eegalee hanga Adoolessa 16 bara2018tti kan kennamu ta'uu biirichi eereera.
Naannoo Oromiyaatti qorumsa biyyaalessaa baranaatiin saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasummaatiin waliigala barattoonni kuma 202 fi 671 kan qorataman ta’uu biirichi ibseera.
Naannichatti Magaalaa Jimmaatti barattoonni kuma 3 fi 343 qorumsa xumuraa kutaa 12ffaa fudhachuu jalqabaniiru.
Kanneen keessaa 857 saayinsii hawaasummaa, akkasumas barattoonni kuma 2 fi 486 saayinsii uumamaatiin kan qoraman ta'uun isaanii ibsameera.
Qorumsichi kaampaasota sadan Yuuniversitii Jimmaatti kennamuu kan jalqabe yoo ta'u, barattoonni of-eggannoodhaan akka qoramanii fi qophii Xiin- sammuu akka taasisaniif hojiileen hubannoo barbaachisoo ta'an gamtaadhaan hojjetamaa turuu isaanii, itti gaafatamaan Waajjira Riijisteraara Yuuniversitii Jimmaa fi Bakka Bu'aan Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qorumsa Biyyaalessaa Biruuk Walda-Mikaa'el ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Daarektarri Riijistraara Yuuniversitii Amboo Obbo Kennaa Damee akka ibsanitti, qorumsi saayinsii uumamaa kutaa 12ffaa kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kaampaasota Afran Yuuniversitichaa keessatti barattoonni kuma 2 ol ta'an qorumsa saayinsii uumamaa fudhachaa akka jiran akeekuun, barattoonni hunduu toora intarneetaatiin (online) qorumsa fudhachaa jiru jedhaniiru.
Yuuniversitichi saayinsii hawaasummaa dabalatee walii gala barattoota kuma 15 fi 862 akka qoru ibsameera.