Tamsaasa Kallatti:

Sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni kuma 563 fi 501 qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa ni fudhatu – Ministeera Barnootaa

Waxabajjii 23/2018 (ENA): Sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni kuma 563 fi 501 qorumsa xumuraa kutaa 12ffaa akka fudhatan Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Mana Kitaabaa Abrihootitti argamuun qorumsicha eegalchiisaniiru.


Haala adeemsa qorumsa kanaan walqabatee ibsa miidiyaaleef kennaniin; qorumsichi intarneetaa (online) fi waraqaadhaan akka kennamu addeessaniiru.

Barattoota qorumsa xumuraa kutaa 12ffaa baranaa fudhatan keessaa dhibbeentaan 62 toora intarneetaatiin kan fudhatan yoo ta'u, warri kaan immoo waraqaadhaan akka fudhatan ibsaniiru.


Barana barumsi dabalataa sirriitti waan kennameef, bu'aan ol'aanaan ni galmaa’a jedhamee akka eegamus dubbataniiru.

Qorumsi baranaa kun hanni tokkoollee osoo hin uumaminii fi barattoonni dandeettii fi jabina mataa isaaniitiin qofa kan qoraman ta'uu isaas ibsaniiru.

Kanaanis sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni kuma 563 fi 501 qorumsa kana akka fudhatan beeksisaniiru.


Hogganaan Biiroo Barnootaa Finfinnee Dr.Zalaalam Mulaatuu; magaalattiitti barattoonni kuma 58 fi 309 qorumsa xumuraa kutaa 12ffaa akka fudhatan ibsaniiru.

Finfinnee keessatti qorumsi xumuraa kun guutummaan guutuun toora intarneetaa (online) qofaan akka kennamus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015