Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsitiin Jimmaa rakkoolee nageenya daandii fi geejjibaa furuuf qooda fudhattoota waliin marii’ate

Waxabajjii 23/2018 (ENA) : Yuunvarsitiin Jimmaa hanqina boba'aa, jijjiirama imaammataa fi pirojektoota misoomaa hojjetamaa jiran sababeeffachuun, rakkoolee nageenya daandii fi geejjibaa ariifachiisoo ta'an furuuf qooda fudhattoota waliin waltajjii marii gaggeesseera.

Waltajjii marii kanarratti qorannoo dhihaate ilaalchisuun Itti-aantuun Pirezidantii Qorannoo fi Walta'iinsa Yunivarsiitii Jimmaa Piroofeesar Muluummabeet Abarraa yuunivarsiitichi qorannoowwan ragaarratti hundaa’e gaggeessuun qaamolee qooda fudhattoota waliin ta’uun balaa tiraafikaa hir’isuuf kutannoon qabu mirkaneessera jedhaniiru.


Waltajjicharratti hoggantoota hojii mootummaa, bakka bu'oota sektera geejjibaa, qorattootaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa Godina Jimmaa, Magaalaa Jimmaa fi Magaalaa Aggaaroo irraa dhufan waliiin marii’ateera.

Dhaabbatichi sirna Geejibaa si’ataa, kaffaltii madaalawaa fi nageenyisaa eegame babal’isuuf mul’ata qabu maxxansawwan qorannoo qofaan osoo hin ta’iin , konfiraansiiwwan, waltajjiiwwan marii fi hawaasaaf hubannaa uumuu, naannoo Oromiyaa, naannoo Kibba-Lixaa Itiyoophiyaa fi sadarkaa biyyaalessaatti gaggeessuun milkeessuuf xiyyeeffannoo itti kennamuu ibsaniiru.


Saganticharratti Dr. Geetachoo Xilahuun Modeela Sirna Nageenyaa (Safe System Approach) dhimmoota sirna geejibaa waliin xinxala qorannoo kan dhiheessan yoo ta’u, Dr. Naggaa Jibaat kaayyoo, qabxiiwwan ijoo fi bu'aawwan marii kanarraa eegaman dhiheessaniiru.


Poolisii Tiraafikaa olaanaan Magaalaa Jimmaa Inspektara Nagaash Xilahuun haala balaa tiraafikaa fi rakkoolee kanaan walqabatan godinichatti mul’atu ibsaniiru.

Obbo Abbaay Habtamuu Abbaa Taayitaa Geejjiba Magaalaa Jimmaa irraa tajaajila geejjibaa naannoo sanaa keessatti gufuuwwan hojii mudatan irratti ibsa kennaniiru.


Waltajjichi tajaajila geejjibaa fooyyessuu fi nageenya daandii naannichaa mirkaneessuuf, karoora hojii bal'aa dhimmoota gamtaan bara baajataa dhufu keessa hojiirra oolfaman qopheessuun kan xumuramee ta’uu  odeeffannoo  yuunversiiticharraa arganne ni mul’isa. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015