Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’an - ENA Afaan Oromoo
Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’an
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Bara baajataa kana maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 ol gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii Biiroon Qonnaa, Bishaan, Intarpiraayizii fi Inarjii Bulchiinsa Dirree Dhawaa beeksise.
Hawaasa gargaarsa lagatee oomishtummaa irratti bobba’u uumuu fi bu’aawwan gama kanaan galmeeffamaniif beekamtii kennuun cimee akka itti fufu ibsameera.
Itti-aantuun Hogganaa Biirichaa Aaddee Misraa Abdallaa ENA’f akka ibsanitti; naannolee baadiyyaa Dirree Dhawaa keessatti, bakka hanqinni roobaa jiruttti, hawaasni eeggattummaa fi gargaarsa irraa ba’ee oomishaa akka ta’uuf hojiileen bal’aan hojjetamaniiru.
Waggoota shanan darbanii keessattis hojiileen Misooma jallisii xixiqqoo,Inisheetivii sagantaa Maaddii guutuu, Misooma midhaanii fi kuduraalee, akkasumas, Misooma fi eegumsa qabeenya uumamaa irratti hojjetaman, hawaasni Sagantaa Seefti Neetii Misooma Baadiyyaa (PSNP) irraa gara oomishtummaatti akka ce’u taasiseera jedhan.
Keessattuu, oomishaa fi oomishtummaa kilaasstara baadiyyaa guddisuuf hojiileen hojjetaman, dhaloota gargaarsa tuffatu uumuun bu’aan akka galmeeffamu gochuu isaanii ibsaniiru.
Hawaasni horsiisee bulaa fi qonnaan bulaas qabeenya uumamaa fi bu’uuraalee misoomaa ijaaramanitti fayyadamuun, imala gargaarsa irraa gara oomishtummaatti taasisaa jiru saffisiisuuf akka danda’ames dubbataniiru.
Fakkeenyaaf, hawaasni ganda baadiyyaa Uluul Mojoo guutummaatti gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii hoggantuun tun eeraniiru.
Bara baajataa kanaanis maatiiwwan baadiyyaa kuma 7 fi 700 ol gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ce’uu isaanii ibsaniiru.
Qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota qonnaa fi hojiiwwan daldalaa xixiqqoo irratti ce’umsa taasisan kanaan, hojiin isaanii akka milkaa’uuf kaappitaala jalqabaa fi deeggarsi ogummaa taasifamuufis kaasaniiru.
Hawaasa gargaarsa irraa gara oomishtummaatti ce’an kanaaf dhuma ji’a kanaa irratti beekamtii fi badhaasni akka kennamuufis ibsameera.