Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin Waliigaltee Liqii Yuuroo Miiliyoona 70 Mallatteessan

Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin waliigaltee liqii yeroo dheeraatti kaffalamu yuuroo miiliyoona 70 hojiiwwan fooyya’insa diinagdee mandhaalee fi misoomaa raawwachiisuuf kan oolu ta'uu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsaniiru.

Waliigaltee liqii kana Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaan Seem Faabiriizi mallatteessaniiru.


Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee wayita sana akka jedhanitti; waliigalteen liqii kun michummaa jabaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan agarsiisuu fi hariiroo seenaa yeroo dheeraa qaban caalaatti kan jabeesudha.

Waliigaltichi kanaan dura qaama hammattoo tumsa biyyoota lamaan gidduutti taasifame ta'uu isaas eeraniiru.

Deeggarsi maallaqaa kun tarkaanfiiwwan fooyya'iinsa diinagdee fi galmawwan misoomaa Itiyoophiyaan jalqabde milkeessuuf gumaacha akka qabu ibsaniiru.


Itiyoophiyaan Riifoormii diinagdee guutuu hojiirra oolchuun marsaa lammaffaa milkiidhaan xumuruu ishee ibsaniiru.

Kana hordofuun Baankiin Addunyaa hojiirra oolmaa riifoormii marsaa sadaffaatiif kan oolu deeggarsa baajataa mirkaneessuu isaa yaadachiisaniiru.

Mootummaan Xaaliyaanii carraaqqii misoomaa fi fooyya'iinsa diinagdee Itiyoophiyaatiif deeggarsa maallaqaa taasisuu fi michummaa itti fufiinsa qabuuf galata galchaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015