Hojiin Tajaajila lammummaa yeroo Gannaa hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Tajaajila lammummaa yeroo Gannaa hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa jira
Waxabajjii 22/2018 (ENA) : Hojiin tajaajila lamummaa yeroo Gannaa fayyadamummaa hawaasaa harka qalleeyyii dabaluun cinaatti, hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa dhufuu Bulchiinsi Godina Baalee beeksise.
Hojiin tajaajila lamummaa yeroo Gannaa aanota Godinichaa kurnan keessatti har'a eegalamee jira.
Sirna baninsa hojii taajila lamummaa magaalaa Goorootti eegalame kanarratti Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa damee Godina Baalee Obbo Seeyfaddiin Hasan akka jedhanitti, tajaajilli lammummaa yeroo Gannaa fayyadamummaa hawaasaa harka qalleeyyii dabaluun cinaatti hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa dhufuu dubbataniiru.
Hojii tajaajila lamummaa yeroo Gannaa kanaanis ijaarsa manneen harka qalleeyyii kuma 2 ol dabalatee hojiilee namoomaa hedduun guyyoota 60 keessatti hojjachuuf karoorfamuus akeekan.
Hojii tajaajilaa kanaanis tola ooltota miliyoona 1.3 ol ta'an hirmaachisuun lammiilee harka qalleeyyii hedduu fayyadamoo taasisuuf hojitti galamuu yaadachiisan.
Tajaajila kanaanis baasii sanduuqa mootummaarraa bahuu malu birrii bilioona 14.5tti tilmaamamu akka hanbisu dubbataniiru.
Bulchaan Aanaa Gooroo obbo Isheetu Taklee gama isaaniitiin , tajaajilli lamummaa yeroo gara yerootti geeggeffamuun fayyadamummaa hawaasaa fooyyessuun cinatti hirmaannaa hawaasni misoomarratti qabu dabalaa dhufuu dubbatan.
Tajaajila lamummaa bara kanaatiinis Gandoota aanicha 29 keessatti ijaarsi manneen harka qalleeyyii dabalatee hojiin namoomaa hedduun kan hojjatamu ta'uu dubbatan.
Harka qalleeyyii ijaarsi mana jireenyaa eegalameef keessaa qaroo dhabeeyyii Obbo Adam Aloo yaada kennaniin, mana jireenyaa isaaniif eegalametti hedduu gamaduun galateeffataniiru.