Tamsaasa Kallatti:

Manni marichaa wixinee baajata irratti mari’achuu dabalatee, labsii adda addaa irratti mari’achuun walga’ii idilee isaa ni raggaasisaan eegama

Waxabajjii 22/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgahii idilee 29ffaa Boru ni gaggeessa.

Manni marichaa wixinee baajata mootummaa Federaalaa bara baajataa 2019 qopheesse irratti bal’inaan kan mari’atu ta’uu beeksiseera.

Manni marichaa wixinee labsii sadii, jechuunis Wixinee Labsii Riifoormii Bulchiinsa Taaksii Federaalaa, Wixinee Labsii Istaatistiksii Itiyoophiyaa fi Wixinee Labsii Gabaa Kaarboonii Itiyoophiyaa irratti gabaasaa fi yaada koree dhaabbii dhimma karooraa, baajataa fi faayinaansii ilaalee ni raggaasisa jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015