Tamsaasa Kallatti:

Ajandoota saddettan Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 gaggeeffamuuf qophaa'an

Ajandaa Lakkoofsa 1: Ijaarsa Biyyaa

1.1 Dhimmoota eenyummaa fi abbaa biyyummaa

1.2 Seenaa fi eenyummaa

1.3 Eenyummaa fi duudhaalee waliinii kan biyyaalessaa (dhimmoota duudhaalee ilaallatanis dabalatee)

1.4 Ijaarsa biyyaa fi dhimmoota bulchiinsa sabdaneessummaa

1.5 Dhimmoota Afaanii

1.6 Dhimmoota eegumsa aadaa, seenaa fi hambaa akkasumas dhimmoota biroo hudduu

Ajandaa Lakkoofsa 2: Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa akkasumas Sirna Siyaasaa, bakka bu'iinsa Siyaasaa fi sirna filannoo

2.1 Caasaa fi gurmaa’insa Mootummaa

2.1.1 Caasaa mootummaa fi akaakuu sirna bulchiinsaa

2.1.2 Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu

2.1.3 Hiika saboota, sablammootaa fi ummattootaa

2.1.4 Bara aangoo hojii hoggantoota mootummaa Federaalaa fi Naannolee

2.1.5 Hariiroo mootummaa Federaalaa fi Naannolee; qoodinsa aangoo, federaalizimii fiisikaalaa fi qoodinsa qabeenyaa mootummoota Federaalaa fi Naannolee

2.1.6 Bulchiinsaa fi daangaa naannolee; hundeeffama naannolee haaraa fi daangaa bulchiinsa naannolee

2.1.7 Caasaa fi shoora qaama seera baastuu

2.1.8 Aangoo Heera Mootummaa hiikuu

2.1.9 Sirna fooyya'iinsa Heera Mootummaa

2.2 Dhimmoota bakka bu'iinsa siyaasaa fi Sirna Filannoo

2.2.1 Sirna filannoo biyyattii

2.2.2 Sirna paartilee baay'ee (multi-party system)

2.2.3 Caasaa paartilee siyaasaa

2.2.4 Gahee hojii mootummaa fi paartii biyya bulchaa jiruu adda baasuu

2.2.5 Hundeeffama caasaa naannoolee filannoo

2.2.6 Itti fayyadama qabeenya mootummaa paartilee siyaasaa

Ajandaa Lakkoofsa 3: Magaalota Federaalaa (Finfinnee fi Dirree Dhawaa)

3.1 Dhimma Finfinnee

3.1.1 Eenyummaa seeraa Finfinnee; walitti dhufeenya Finfinneen naannoo Oromiyaa waliin qabduu fi dhimma qooda baajata magaalaa Finfinnee

3.1.2 Dhimma Magaalaa Guddoo Federaalaa

3.1.3 Dhimma poolisii fi mana murtii Finfinnee

3.1.4 Daangaa Finfinnee fi moggaasa maqaa bakkootaa

3.1.5 Afaan hojii Finfinnee

3.1.6 Hambaa seenaa Finfinnee fi dhimma hammattummaa

3.2 Dhimma Dirree Dhawaa

3.2.1 Eenyummaa seeraa Dirree Dhawaa

3.2.2 Haala bulchiinsa Egeree Dirree Dhawaa, bakka bu'iinsa ummata ishee fi walitti dhufeenya Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee waliin qabdu

3.2.3 Bakka bu'iinsa Dirree Dhawaa mootummaa Federaalaa keessatti; dhimma bakka bu'iinsa Dirree Dhawaan Mana Marii Federeeshinii keessatti qabaattu

Ajandaa Lakkoofsa 4: Dhimmoota Amantaa,Hambaalee Seenaa fi Araara Ilaallatan

4.1.1 Sekwulaarizimii (addaan ba'uu amantii fi mootummaa) fi bilisummaa amantii gidduutti madaallii fayyaalessa eeguu

4.1.2 Bilisummaa amantii fi daangaa isaa

4.1.3 Eegumsa dhaabbata amantii hordoftoota lakkoofsa xiqqaatanii

4.1.4 Dhimma duudhaalee aadaa fi amantii waliin walitti bu'an

4.2 Haaloo Seenaa fi dhimmoota Araaraa

4.2.1 Qollifamuu seenaa fi fayyadamummaa addaa

4.2.2 Adeemsa araaraa fi beekamtii kennuu

4.3 Walitti dhufeenyaa fi waliin jireenya amantiiwwan gidduu jiru ilaalchisee

4.3.1 Wal-dhabdee amantiiwwan gidduu jiranii fi furmaata isaanii

4.3.2 Toftaalee marii amantiiwwan gidduu jiru jabeessuu

4.4 hariiroo Amantiin jireenya ummataa fi walitti dhufeenya hawaasummaa keessatti qabu

4.4.1 Shoora amantiin dhaabbilee ummataa keessatti qabu

4.4.2 Waltajjiiwwan amantii, miidiyaa fi mariiwwan ummataa

4.4.3 Ittifayyadama sagalee dhaabbilee amantii fi mirga hawaasaa

Ajandaa Lakk 5: Ijaarsa Dhaabbilee, Olaantummaa Seeraa fi Mirgoota Namoomaa

5.1 Mirga Namoomaa

5.1.1 Bu’uura Heeraa fi Seeraa Eegumsa Mirgoota Namoomaa

5.1.2 Mirga Buqqaatota Biyya Keessaa

5.1.3 Mirga Garee Qaama Miidhamtootaa, Namoota Saaxilamoo fi garee qoqqobaman

5.1.4 Eegumsa Mirgoota Namoomaa Waldhabdee fi Haala Nagaa Keessatti

5.1.5 Bu’uuraalee Dhaabbilee Eegumsa Mirgoota Namoomaa Cimsuu

5.1.6 Dhimmoota Itiyoophiyaanota Biyya Alaa (Diyaaspooraa) jiraatan. Mirga lammummaa dachaa fi dhimmoota biroof beekamtii kennuu

5.2 Olaantummaa seeraa

5.2.1 Olaantummaa seeraa (seera qabeessummaa)

5.2.2 Walqixxummaa seera duratti

5.2.3 Itti gaafatamummaa

5.2.4 Dhaqqabamummaa Haqaa

5.3 Ijaarsa dhaabbilee

5.3.1 Bilisummaa, walabummaa fi dhaqqabummaa dhaabbilee dimokiraasii

5.3.2 Walabummaa fi itti gaafatamummaa dhaabbilee haqaa

5.3.3 Walabummaa, bilisummaa fi gurmaa’ina dhaabbilee nageenyaa

5.3.4 Madaallii, walabummaa fi itti gaafatamummaa damee mootummaa sadan

5.3.5 Giddu-galeessummaa dhaabbilee, walabummaa fi itti gaafatamummaa miidiyaa

5.3.6 Bilisummaa, gahee fi itti gaafatamummaa jaarmiyaalee hawaasa siivikii

Ajandaa lakk.6: - Dhimma hawaas-dinagdee fi qonnaan bultootaa fi horsiiseebultootaa

6.1 Dhimmoota hawaas-dinagdee

6.1.1 Dhimma dubartootaa fi dhimmoota kanaan walqabatan

6.1.2 Bulchiinsa qabeenyaafi Raabsa qabeenya haqa qabeessa

6.1.3 Qabeenya lafaa fi abbummaa

6.1.4. Bakka bu’ummaa lakkoofsa ummataa fi bulchiinsa hunda hammate

6.1.5 Tajaajila hawaasummaa (fayyaa, barnootaa fi sadarkaa jireenyaa) .

6.1.6 Mirga hojjetaa fi haala hojii haqa qabeessa

6.1.7 Misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo

6.1.8 Mirga qabeenya uumamaa fi faayidaa qooduun

6.1.9 Diinagdee, invastimantii fi oomishtummaa hunda hammate

6.1.10 Wabii hawaasummaa fi carraa hojii

6.2.2. Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa

6.2.1 Hirmaannaa fi walqixxummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa guddisuu

6.2.2 Galteewwan qonnaa yeroo fi haqa qabeessa ta’een argachuu ilaalchisee.

6.2.3 Jecha 'Qubattoota' jedhu Heera Mootummaa keewwata 40 keewwata xiqqaa 5 fi keewwata 41 keewwata xiqqaa 8 irratti ibsame fooyyessuu

6.2.4 Carraa gabaa bilisaa fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu

6.2.5 Misooma waliinii fi deeggarsa dinagdee hawaasa qonnaan bulaa fi horsiiseebultootaa

6.2.6 Imaammata misoomaa jireenya horsiisee bultootaa irratti xiyyeeffate

Ajandaa lakk.7: Malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii

7.1 Rakkoolee bulchiinsa gaarii fi dhimmoota malaammaltummaa.

7.2 Sirna farra malaammaltummaa ijaaruu

7.3 Sirna bulchiinsa gaarii ijaaruu

7.4 Tajaajila mootummaa haqa qabeessa

7.4.1 Tajaajila mootummaa haqa qabeessaa fi hunda hammate

7.4.2 Ramaddii fi qacarrii humna namaa dandeettii irratti hundaa’e

Ajandaa Lakk 8: Ijaarsa Nageenyaa

8.1 Sababoota waldhabdee fi karaalee itti hiikan

8.2 Waldhabdee fi garee hidhate ilaalchisee

8.3 Bu’uura nagaa itti fufiinsa qabu

8.4 Malawwan aadaa waldhabdee hiikuu beekamtii kennuu, cimsuu fi ammayyaadhaan walitti makuu

8.4.1 Beekkamtii aadaa fi bu’uura seeraa

8.4.2 Dhimma araaraa fi dhiifamaa

8.4.3 Dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee nagaa

8.4.4 Haqaa ce’umsaa

8.5.5. Adeemsa nagaa ijaaruu keessatti gahee dhaabbilee amantaa

Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015