Tamsaasa Kallatti:

Lageen keenya har'a carraaqqii fi dafqaan yaalamaa, jiraattotaaf gammachuu kan kennan ta’aa jiru - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Waxabajjii 22 / 2018 (ENA): Lageen keenya har'a carraaqqii fi dafqaan yaalamaa, jiraattotaaf abdii fi gammachuu kan kennan, madda gammachuu ta'aa jiru jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Piroojektiin Qarqara Laga Qabbanaa'aa Magaalaa Finfinneef simboo dabalataa ta’eera jedhan Kaantiibaan Adaanech Abeebeen.

Lagni kun namaan kan bade, namaan misoome jedhan.


 

Kan uumaan nu badhaase Qabbanaa'aa, namni balleesse, namni kennaan uumamaa kun baduun isa gaabbisiise ammoo Qabannaan irra deebiin akka dhalatu taasiseera jedhan.

Lagni Qabbanaa'aa barootaaf sirbaa fi yaadannoon qofaan maqaan isaa waamamaa ture har’a irra deebiin dhalateera.

Artisti Tsahaayee Yohaannis "Bishaan Qabbanaa" jechaa, baay'een isaanii daakanii kan guddatan yaadannoo ijoollummaa yeroo kakaasuu fi Doctor Kabajaa Artisti Alii Birraa "Bishaan Addis Ababaa" jechaa yeroo dinqisiifatu; waggoota dheeraa keessatti garuu yaadannoo qofa baatee eenyummaan uumamaa lagichaa badee, bakka dhangala'aa fi kosiin gatamuu ta'ee, fooliin isaa namatti dhihaachuu dhowwee kan irraanfatame akka ture yaadachiisaniiru.


 

Kunoo, laggeen faalama, dhukkubaa fi bakka kuusaa kosii turan kunniin, har'a carraaqqii fi dafqaan yaalamaa, jiraattotaaf abdii fi gammachuu kan kennan madaa gammachuu ta'aa jiru jedhan.

Pirojektiin dinqisiisaan yeroo gabaabaa keessatti ijaarame kun, projektoota magaalattii gurguddoo biroo waliin ida'amee Finfinnee boonsaa miidhaginaa akka taasises ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015