Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa tajaajila fe’umsaa filatamaa Afrikaa injifate - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa tajaajila fe’umsaa filatamaa Afrikaa injifate
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa kaargoo, loojistikii fi dhiyeessii Eeshiyaa bara 2026 irratti Tajaajilli Kaargoo fi Loojistikii Itiyoophiyaa badhaasa kana injifateera.
Kaargoo Fe’umsa Qilleensaa Afrikaa keessaa isa gaarii jedhamuun badhaafameera.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaa sadarkaa addunyaatti, walta’iinsa tarsiimoo fi furmaata loojistikii kalaqaan walitti dhufeenya loojistikii fi daldalaa addunyaa isaa cimsaa jiraachuu ibseera.
Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa fe’umsaa kana kan injifate qooda fudhattoota indaastirichaa fi maamiltoota irraa sagalee caalmaa arachuun hordofee akka ta’e ibseera.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa michoota isaa, maamiltoota isaa fi hojjettoota isaa bu’aa kana dhugoomsaniif galateeffateera.