Naannoo Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 2.4 oliif carraan hojii uumame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 2.4 oliif carraan hojii uumame
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana keessatti hojiiwwan misoomaa fi invastimantii hojjetamaniin lammiilee miiliyoona 2.4 ol ta’aniif carraan hojii bal’aan uumameera jedhame.
Biirichi mata duree "Ce'umsa Intarpiraayizootaa Olka'iinsa Biyyaaf"jedhuun, marsaa 16ffaaf Intarpiraayizoota ulaagaa ce'umsaa guutan kuma 1fi195 gara guddattuu gidduugaleessaatti (Invastimantiitti) ceesiseera.
Intarpiraayizonni kunneen warreen kaappitaala waliigalaa Birrii biiliyoona 3.779 galmeessisan ta'uun himameera.
Akka Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Misooma Magaalaa Naannoo Oromiyaa obbo Abdulqaadir Huseen waltajjii kana irratti hirmaatan ibsanitti, intarpiraayizoonni deeggarsa roga hedduu qabuu fi paakeejii mijataa mootummaan kennu sirnaan hojiirra oolchuun sadarkaa milkaa’inaafi ce’umsaa kanarra ga’aniiru jedhani.
Mootummaan naannichaa hiyyummaa hir’isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuuf, rakkoo hoji dhabdummaa itti fufiinsaan furuuf ciminaan hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Intarpiraayizoonni gara invastimantiitti ce’an bu’aa guddaa galmeessisuuf dameewwan invastimantii irratti bobba’an irratti cimanii hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.
Hoogganaan Biirichaa Injinar Eebbaa Garbaa wayita kana, intarpiraayizoonni guddina biyyattii keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan kanaan dura rakkoowwan invastimantiirratti mudachaa turan hiikuun invastaroota hedduu horachuuf haala mijataa uumuu kaasaniiru.
Bara bajataa kana keessa lammiileen naannichaa kuma 200 ol biyya alaatti hojii argachuu akka danda’an ibsaniiru.
Lammiilee hojiitti seenaniif bakki hojii, manneen daldalaa fi wiirtuun akka kennamu kan ibsan Injinar Eebbaan, hiyyummaa hir’isuu keessatti hojiin barbaachisaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Hoji dhabdummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa magaalichatti hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Dr. Maatiyaas Sabbooqaa ibsaniiru.
Adaamaa keessatti lammiileen kumaatamaan lakkaawaman dameewwan industirii Goojjoon, qonna magaalaa keessattuu horsiisa lukkuu, horsiisa saawwan aannaniifi damee midhaaniitiin hojii argachuu danda’uu ibsaniiru.