Tamsaasa Kallatti:

Nageenya daangaa fi buufata xiyyaaraa ammayyeessuun faayidaa ji’oo-tarsiimoo Itiyoophiyaa eeguuf dhimma murteessaadha – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Waxabajjii 21/2018 (ENA): Nageenya daangaa fi buufata xiyyaaraa ammayyeessuun faayidaa ji’oo-tarsiimoo Itiyoophiyaa eeguuf dhimma murteessaa ta’uu Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Koree Sagantaa Jijjiirama Bulchiinsa Buufata Xiyyaaraa fi Bulchiinsa Daangaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen himaniiru.

Waltajjiin mariifi galtee walitti qabuu Sagantaa Eerpoortiifi Ce’umsa Bulchiinsa Daangaa gaggeeffamaa jira.
Daayrektarri Olaanaan Tajaajilichaafi Walitti qabaan Koree Olaanaa Sagantichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana, sagantichi yaaddoowwan nageenyaa akka biyyaatti mudatan odeeffannoon deeggaruun dursanii beekuufi ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan.


Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa taasisuufi yaa’iiwwan idil-addunyaa gara fuulduraatti keessummeessitu milkaa’inaan hogganuuf akka gargaarus eeraniiru.
Saganticha milkaa’inaan hojiirra oolchuuf koree olaanaan qindeessitoota biyyaalessaafi koreewwan teekinikaa dhaabbilee 10 irraa walitti babba’an hammate hundaa’ee gara hojiitti galuu kaasaniiru.

Milkaa’ina isaafis sanadani tarsiimawaan muuxannoo biyyoota garaagaraarraa qindaa’e qophaa’uun hojiirra ooluu dubbataniiru.
Walitti bu’iinsotaafi yakkoota daangaa ce’oo dursanii ittisuuf sagantichi faayidaa olaanaa qabaachuufi hojiin nageenyaa dandeettii Itiyoophiyaan sadarkaa ardiittiifi naannawaatti qabdu giddugaleeffate hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Hojmaanni isaas teeknooloojiiwwan mandhaleen bal’inaan akka misooman gochuun birmadummaa saayibarii biyyattiifi faayidaalee biyyaalessaa karaa guutuu ta’een kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.


Waltajjicharratti hoggantoonni dhaabbilee federaalaa, Pireezidaantonni naannolee, kantiibonni magaalotaafi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015