Tamsaasa Kallatti:

Hanga abjuun keenya dhugoomutti cimnee hojjenna - Itti aanaa ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa

Waxabajjii 21/2018 (ENA): Abjuun keenya damee hundaan karoorfannee hojiirra oolchine hanga dhugoomutti cimnee hojjenna jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan Ministira muummee obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin; yaadni ashaaraa magariisaa yaadama irraa hanga hojiitti hiikuutti,Itiyoophiyaan kan itti mul’atte hojii biyyaalessaati jedhani.


Kuusaa qaroomina gurguddaa kan taate Itiyoophiyaan dhaloonni ammaas aadaa abbootii isaa fageessaanii warra yaadan fudhachuun mirkaneessee jira jedhani.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaadama ashaaraa magariisaa gara qabatamaatti jijjiiruun nu’agarsiisaniiru jedhan.
Wayita ammaa ashaaraan magariisaa aadaa ta’ee jira;ummanni xinnaaf guddaan irratti hirmaachaa jira jedhan.

Kaka’umsi ijoolleen Itiyoophiyaa waggootaaf milkaa’inaan hojiirra oolchaa turan kun, mallattoo jijjiiramaa ija addunyaa duratti biyya keenyaaf ulfina fidaa jiru ta’uu beeksisaniiru.
Carraan waltajjiiwwan idil-addunyaa kan akka COP 32 keessummeessuunis bu’aa tattaaffii waloo keenyaa fi badhaasa ashaaraa biyyaalessaa keenyaati jedhan.


Itiyoophiyaan dhugumatti hojii cimaa fi injifannoowwan ashaaraa magariisaa fi galmoota jijjiirama biroo keessatti mul’atan walitti qindeessuun guddachaa fi ifaa jirti jedhan.
Ergaa isaanii keessattis, "Abjuun keenya kan damee hundaan karoorfannee hojiirra oolchine hanga galma ga'utti cimnee hojjenna" jedhan.

Abdii haa dhaabnu jechuun hawaasni dammaqinaan akka hirmaatu ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015