Damee ogummaa leenjifamneen biyya keenya ciminaan tajaajiluuf qophiidha- Eebbifamtoota qabxii olaanoo galmeessisan - ENA Afaan Oromoo
Damee ogummaa leenjifamneen biyya keenya ciminaan tajaajiluuf qophiidha- Eebbifamtoota qabxii olaanoo galmeessisan
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Eebbifamtoonni qabxii olaanoon eebbifaman Yunivarsiitii Amboo damee ogummaa isaaniitiin ciminaa biyya isaanii tajaajiluuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Amboo kaleessa barattoota 930 damee barnootaa adda addaatiin digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan eebbiseera.
Eebbifamtoonni qabxii olaanoo kuni ENA’f yaada kennan beekumsaa fi dandeettii waggoota darban keessatti horatan hojiitti hiikuuf qophaa’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Yuunivarsiiticha kutaa qoricha beeyladaatiin qabxii 3.95 fi meedaaliyaa argachuun kabajaan kan eebbifame Heenook Darajjee yeroo ofii sirnaan yoo fayyadaman, galma ifa ta’ee fi cimina yoo qabaaan kaayyoo ofii galmaan ga’uun rakkisaa hin ta’u jedheera.
"Damee ogummaa ani jaalladhu irratti kabajaan eebbifamuu kootti baay'een gammada," kan jedhu Heenook , Guddina biyyaa saffisiisuun damee ogummaa isaatiin ciminaa fi walqixxummaan hawaasa tajaajiluuf qophii ta’uu ibseera.
Kana malees, eebbifamtichi beekumsaa fi dandeettii yeroo yunivarsiiticha keessa turetti argate fayyadamuun, carraa hojii mataa isaa uumuun of jijjiiruuf qophii ta’uu ibseera.
Gama biraatiin dameema barnootaa kanaan barattoota dubaraa dippaartimantii sana keessa jiran keessaa sadarkaa olaanaa 3.78’n eebbifamte Tsiggee Chubaaroo, waliin dubbisuu fi qo’achuun danda’uun bu’aa fooyya’aa akka argamsiise dubbatteetti.
Qormaata hunda darbuu fi milkaa'uu danda'uu isheetiin gammachuu guddaa ishee qooddatteetti.
Itti dabaluunis damee ogummaa isheetiin ciminaan hawaasa tajaajiluuf qophii guutuu ta’uu ibsiteetti.
Gama biraatiin ammoo, beekumsa ogummaa yeroo yunivarsiiticha keessa ture keessatti argateen hojii mataa isaa uumuun ofii fi biyya isaa jijjiiruuf karoorfachuusaa Saayinsii Kompiitaraatiin kan eebbifame Lalisaa Milikeesaa dubbatera.
Barattoonni biroo yeroo isaaniitti ogummaadhaan yoo itti fayyadaman bu’aa fi gammachuu akka qabaatan dubbateera.