Damee magaalaa fi bu’ura misoomaatiin hojiileen fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessan raawwatamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Damee magaalaa fi bu’ura misoomaatiin hojiileen fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessan raawwatamaniiru
Waxabajjii 20/2018 (ENA)- Bara bajatichaatti damee magaalaa fi bu’ura misoomaatiin hojiileen fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessan raawwatamuusaanii ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan.
Ministeerichi gamaaggama raawwii hojii bara 2018 magaalaa Arbaa Miincitti eegaleera.
Mootummaan guddinaa fi babal’ina magaalotaaf akkasumas jireenyi lammiilee akka milkaa’u hojjechaa waan jiruuf, barri kun bara bayyanachuu magaalaati jedhan ministirri Caaltuu Saanii.
Bara bajataa kana dandeettii raawwachiisuu dhaabbilee, itti fayyadama qabeenyaa fi kenniinsa tajaajilaatiin fooyyessi bal’inaan taasifamuu ibsaniiru.
Magaalota fakkeenya badhaadhinaa gochuun kan danda’ame yoo ta’u, aadaa hojii keenya jijjiiruudhaan dandeettii dorgommii guddisuun danda’ameera jedhan.
Kanaan ala fayyadama hawaasummaa fi dinagdee lammiilee keenya magaalaa sadarkaa jireenyaa gadi aanaarra jiranii mirkaneessuu danda’an hojjetamuusaanii ibsanii, damee misooma manaatiinis jijjiiramni guddaan argamaa jira jedhaniiru.
Fuulduras magaalonni rakkoolee hiyyummaa, quucaruu, hojii dhabdummaa fi bulchiinsa gaarii jalaa bahanii, imalli badhaadhinaa eegalame akka si’atu xiyyeeffannoon akka hojjetu eeraniiru.
Kantiibaan magaalaa Arbaa Minci Dr. Masfin Manzaa gamasaaniin, magaalattiin qabeenya qabdu irratti hundaa’uun guddachuuf fagootti aggaammattee carraaqaa akka jirtu ibsaniiru.
Keessumaa turizimii wiirtuu ga’oomaa gochuun misoomni hedduun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, misoomni kooriidaraas dandeettii dorgommii fi miidhagina caalaatti saaqee agarsiisaa akka jiru eeraniiru.
Hoggantoonni olaanoon ministeerichaa, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo akkasumas dhaabbilee itti waamamtootaa waltajjii gamaaggama raawwii hojii kanaratti hirmaachaa jiru.