Ogummaa wal’aansaatiin sadarkaadhaan kan eebbifamte Dr. Nabiilaa Shiifaa - ENA Afaan Oromoo
Ogummaa wal’aansaatiin sadarkaadhaan kan eebbifamte Dr. Nabiilaa Shiifaa
Doktar Nabiilaa Shifaa damee ogummaa wal’aansaatiin qabxii walii galaa 3 tuqaa 9 galmeessisuun har’a Yunivarsiitii Jimmaarraa sadarkaadhaan eebbifamteetti.
Yunivarsiitiin Jimmaa barattoota kuma 2 fi dhibba 9 ol sagaltaalee garagaraatiin leenjise akkasumas digirii sadaffaan 100 fi sab ispeeshaalitiin kan leenjise 7 har’a eebbisiiseera.
Doktar Nabiilaa Shiifaa furtuu milkaa’inshee yoo ibsitu yeroosheetti sirnaan gargaaramuun, cimtee barumsashee hordofuunshee kabaja har’aa Kanaan akka ishee ga’e kaaftee, namni kamiyyuu cimee hojjennaan milkaa’uu ni danda’a jetteetti.
Milkaa’ina ishee duuba deeggarsii fi hordoffiin maatii ishee baay'ee cimaa akka ture ibsuun, gara fuulduraattis sadarkaa fooyya'aa irra gahuun biyyaa fi ummataa kan boonsitu ta'uuf akka hojjettu dubbatteetti.
Eebbifamtuun kun waan baratte gara hojiitti jijjiiruun biyya ishee amanamummaadhan tajaajiluuf akka dhimmitu waadaa galteetti.
Qabxii 3tuqaa 73 fiduun eebbifamaan badhaasa ol-aanaa Yunivarsiitichaa kan biraa Amaanu’eel Nabii gama isaatiin, namni hunduu jabaatee yoo hojjete galma isaa ni dhugoomsa jedha.
Yeroo Yunivarsiitii turetti beekumsa argachuusaa kan dubbatu Amaanu’eel, maatii fi barsiisota isaa galateeffateera.
Eebbifamaan har'aa kan biraa Daani'eel Ifaa damee barnoota Seeraatiin qabxii 3 tuqa 75n galmeessuun eebbifameera.
Ogummaa barateen biyyasaa amanamummaadhaan tajaajiluuf akka dhimmu ibseera.
Sagantaa eebbaa kana irratti Hoogganaan Waajjira Muummee Ministeeraa, Ministeerri Dhimmoota Kaabiinee fi Walitti Qabaan Boordii Bulchiinsa Yunivarsiitii Jimmaa Aadde Alamtsahaay Phaawulos "Barattoonni har'a eebbifamtan qabeenya qaqqaalii biyya keenyaati" jedhaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa yeroo Yunivarsiitii keessatti argatanitti fayyadamuun Itiyoophiyaa ijaaruu fi badhoomsuu, akkasumas guddina iseetiif qaama furmaataa ta'uu akka qaban hubachiisaniiru.