Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni gaaffilee misoomaa ummanni naannichaa kaasaa ture furan qulqullinaan ijaaramanii tajaajilaaf oolaa jiru

Waxabajjii 20/2018 (ENA)- Pirojektoonni gaaffilee misoomaa ummanni naannichaa yeroo dheeraaf kaasaa ture furan si’aayinaa fi qulqullinaan ijaaramanii tajaajilaaf oolaa jiraachuu itti aanaan Pirezidaantii Naannichaa Awwaluu Abdii beeksisan.

Magaalaa Holotaatti pirojektonni adda addaa baasii birrii miliyoona 700 fi kuma 413 oliin ijaaraman eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta'aniiru.


Projektoota magaalattii keessatti tajaajilaaf gahan keessaa; Gamoo bulchiinsa magaalattii abbaa darbii 5, giddugala tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob', Mana Murtii Aadaa ol dabarfataa, giddugala kilaastara horsiisa Lukkuu, misooma kooridaraa fi industiriiwwan godoo ta'uun isaanii ibsameera.

Sirna eebbaa kana irratti Itti Aanaan Pireziidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii akka dubbatanitti; naannichatti erga jijjiiramaa as fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessanii fi Pirojektiiwwan misoomaa gaaffiiwan ummataa yeroo dheeraaf dhiyaachaa turan furan ariitii fi qulqullinaan ijaaramaanii tajaajilaaf ga’aa jiru.


Keessattuu, magaalota jireenyaaf mijataa gochuurra darbee giddugala oomishaa fi oomishtummaa, akkasumas bakka kenniinsa tajaajila mootummaa si'ataa, haqa-qabeessaa fi qulqullina qabu gochaa jiru jedhaniiru.

Magaalaan Holotaa Finfinneerraa fageenya dhiyoo irratti kan argamtuu fi umrii dheeraa kan qabdu taatus, kanaan dura sadarkaa barbaadamuun kan hin misoomne turte jedhaniiru.

Jijjiiramaa booda garuu hojiin magaalattii keessatti hojjetamaa jiruun magaalattiin jireenyaaf mijattuu fi giddugala oomishtummaa ta'aa dhufuu ishee ibsaniiru.

Giddugalli tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' haaraan kun lammiilee teekinoolojii dijitaalaa fayyadamuun tajaajila mootummaa adda addaa bakka tokkotti akka argatan kan dandeessisu yoo ta'u, ogeeyyiin giddugala kanatti ramadamanis amanamummaadhan itti gaafatamummaa kennameef akka bahan dhaamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Holotaa Obbo Isheetuu Baqqalaa gama isaaniitiin; pirojektoonni har'a eebbifaman galma karoora misooma magaalattii ga’uu bira dabree, waggoota darban keessatti hojiiwwan bal'aan hojjetaman keessaa bu'aa guddaadha jedhaniiru.


Keessattuu, gamoon bulchiinsa magaalattii abbaa darbii shanii baasii birrii miliyoona 541 oliin ijaarame hanqina manneen hojii furuun, kenniinsa tajaajilaa waliin walqabatee komiiwwan ka'an furuuf ni dandeessisa jedhaniiru.

Caaseffamni kun deddeebbii fi dhamaatii tajaajila barbaaddotaa hambisuun baasii dabalataa fi hin barbaachisne akka oolchu ibsaniiru.

Kantiibaan kun itti dabaluudhaan, pirojektoonni kun carraa hojii bal'isuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf bu'uura cimaa ta’uu eeranii, hawaasnis qabeenya ummataa fi mootummaa guddaatiin ijaarame kana haala sirriitiin eeggatee fayyadamuun, itti fufiinsa misoomaaf gahee isaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015