Hojiin misooma Kooriidaraa hambaalee balaarraa baraaruun Harar magaalaa Turizimii ta’uushee guddiseera-Pirezidaanti Ordiin Badrii - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma Kooriidaraa hambaalee balaarraa baraaruun Harar magaalaa Turizimii ta’uushee guddiseera-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Waxabajjii 20/2018 (ENA)- Hojiin misooma Kooriidaraa hambaalee balaarraa baraaruun Harar magaalaa Turizimii ta’uushee guddisuusaa Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badriiibsan.
Magaalaa Hararitti hojiileen misooma kooriidaraa Jagol marsaa afraffaan eebbifamuun tajaajilaaf yemmuu oolan hojiin misooma kooriidaraa km. 18 haaraan eegalameera.
Pirezidaantiin naannichaa wayita sanatti akka jedhanitti, waggoottan darban naannichatti hojii misooma kooriidaraatiin magaalattii sadarkaa fooyya’aarraan gahuu, hambaalee kunuunsuu fi hojiileen garagaraa hojjetamaniiru.
Kanaanis, hojiin misooma kooriidaraa ilaalcha mootummaa Ida'amuu qabeenya keenyatti akka fayyadamnuu fi yaadama haaraa kan qabatee dhufe waan ta'eef, hambaawwan balaa irraa oolchuun hawanni turiizimii magaalaa Harar akka cimu gochuu isaa dubbataniiru.
Jiraattotaa fi daawwattootaaf haala mijeessuudhaan lakkoofsi turistoota Harar daawwatanii akka dabalu taasiseera jedhan.
Akkasumas, pirojektonni misooma kooridarii qabeenya muraasaan fi guyyoota murtaa'an keessatti eegalanii xumuruun akka danda'amu agarsiistuudha jechuun dubbataniiru.
Hojiin misoomaa kun wal-dhiibuu irra tokkummaa fi obbolummaa kan cimse, uummataa fi mootummaa kan walitti dhiyeesse, akkasumas agarsiistuu miira hin danda'amu jedhu cabse "Ilaalcha Seenaa Waloo" ti jedhaniiru.
Naannichaatti magaalotaa fi baadiyyaa keessatti bakka hawataa fi miidhagaa uumuu, akkasumas dandeettii dinagdee fi hawaasummaa lammiilee cimsuu fi fooyyessuuf hojiiwwan raawwataman cimanii akka itti fufanis dubbataniiru.
Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Aadaa, Turiizimii fi Hambaa Naannichaa Obbo Naasir Ahimad gama isaaniitiin; hojiin misooma kooridaraa magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf mijattuu gochuu bira darbee, lammiilee hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu kaasaniiru.
Misoomnii kooridooraa hirmaannaa qindoominaa kan itti mul'ateefi hojii fakkeenya gaarii ta'uusaa eeranii; kunis gara fuulduraatti hojiiwwan hojjennu keessatti cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Dhuma irrattis, Pireziidantiin naannichaa magaalattii keessatti hojii misooma kooridaraa haaraa kiilomeetira 18 ta’u kan Bootee, Kaanaalii fi Hiywoot Faanaa eegalchiisaniiru.
Sagantaa kana irratti hoggantoonni ol-aanoon naannichaa fi hogganoonni seektaraa argamaniiru.