Dhaabbileen Bu'uuraa Misooma Naannoo Oromiyaatti Ijaaramaa jiran gaaffiiwwan misoomaa ummataa qabatamaan deebisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen Bu'uuraa Misooma Naannoo Oromiyaatti Ijaaramaa jiran gaaffiiwwan misoomaa ummataa qabatamaan deebisaa jiru
Waxabajjii 20/2018 (ENA) - Pirojektoonni misoomaa Naannoo Oromiyaatti ijaaramaa jiran gaaffiiwwan misoomaa ummataa haala qabatamaa ta'een deebisaa jiraachuusaanii Hogganaan Waajjira paartii badhaadhinaa Damee Naannichaa Kafiyaaloo Tafarraa ibsan.
Hoggantoonni ol-aanoon mootummaa naannichaa bakka argamanitti, giddugalli tajaajila dam- hedduu kennu ‘Adaamaa Siitii Areenaa’ ( Addabaabayiin Uummataa) har'a eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'eera.
Giddugalli tajaajila hunda galeessii har'a eebbifamee tajaajilaaf qophaa'e kun; bakka qophiiwwan ummataa fi sagantaaleen itti keessummeeffaman, giddugala daataa ammayyaa, mana kitaabaa fi tajaajila kaafteriyaa, giddugala gabaa, dirree ispoortii fi bakka konkolaataan dhaabatu bal'aa kan qabu ta'uunsaa eerameera.
Sirna eebbaa kana irratti Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Kafiyaaloo Tafarraa akka ibsanitti, waggoota shanan darban keessatti naannichaatti pirojektoonni bu’uura misoomaa hedduun xumuramanii tajaajila ummataaf gahanii jiru.
Bara baajataa xumuramaa jiru kanaan qofa pirojektoonni kuma 28 ol ta'an marsaa lamaan eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’uu isaanii eeraniiru.
Addabaabayiin ummataa magaalaa Adaamaa har'a eebbifame kun galma 'Adaamaa Ismaartii' (Smart Adama) ga’uuf gargaaruurra darbee, gama kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaariitiin rakkoolee mul'atan haala fulla’aa ta'een furuuf ni gargaara jedhaniiru.
Naannichaa keessatti waggoota darbanitti dhaabbileen bu'uuraa misooma tajaajilaaf gahan ummata haala qabatamaa ta'een fayyadamaa gochuu danda'uu isaanii ibsanii; gara fuulduraas hojii dhabdummaa fi rakkoolee kenniinsa tajaajilaa hir'isuuf hojiiwwan eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru.
Jiraattonni naannichaas projektoota naannoo isaaniitti ijaaraman kunuunsuu akka qaban dhaamaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee gama isaaniitiin, pirojektoonni misoomaa kun waadaa mootummaan uummataaf gale hojiidhaan kan mirkaneessinee fi fayyadamummaa hawaasaa kan dhugoomsudha jedhaniiru.
Waggoota darban keessatti magaalattii keessatti pirojektonni hawaasummaa fi dinagdee raawwataman yeroo jedhameefitti xumuramanii tajaajilaaf ga’uu isaaniis ibsaniiru.
Magaalattii giddugala industirii gochuu fi hojii dhabdummaa hir'isuuf hojiiwwan raawwatamanii bu'aawwan abdachiisoon galmeeffamuusaanii ibsaniiru.
Keessattuu hojiiwwan misooma kooridaraa milkaa'uun isaanii, sirni tajaajila mootummaa fi bulchiinsa qabeenyaa ammayya'uu isaa, bulchiinsi qabeenya lafaa rakkoolee walxaxaa keessaa ba'ee misoomaaf gargaaru ta'uusaa eeraniiru.
Adeemsi hojii ammayyeessuu kun galii magaalattii guddisuu bira dabree, hojiiwwan misooma hawaasummaa fi dinagdee dandeettii ofiin hojjechuu guddaa akka uume Obbo Hayiluun ibsaniiru.