Tamsaasa Kallatti:

Yunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota ogummaa gara garaatiin barsiisaa ture kuma 1 ol eebbisiise

Waxabajjii 20/2018 (ENA) - Yunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota ogummaa gara garaatiin barsiisaa ture kuma 1 fi 089 har'a eebbisiisee jira.


 

Sirna eebbaa Yunivarsiitii Madda Walaabuu har'a gaggeeffame irratti barattoota barattoonni 1 fi 089 eebbifaman keessaa, barataa Tolchaa Kabbadaa ogummaa Narsiingiitiin qabxii guutuu (4.00) fiduun xiyyeeffannoo nama hundaa ta'uun badhaasa Waancaa fi Meedaaliyaa Warqee argateera.


Barattoonni barattoota damee barnoota gara garaatiin digrii jalqabaa fi lammaffaan leenjisaa ture kuma 1 fi 089 har'a eebbisiiseera.

Barattoota eebbifaman keessaa 325 dubartoota ta'uu sirna eebbaarratti ibsameera.

Ogummaa Neersingiitiin kan eebbifame Tolchaan, jireenya Yunivarsiitii keessatti koorsiiwwan fudhate 39 keessaa 25 'A+', warra hafan immoo 'A' fiduun qabxii waligalaa (CGPA) 4.00 galmeessisuu danda'eera.

Qabxiin kunis Yunivarsiitichatti barataa qabxii olaanaa fiduun badhaasa meedaaliyaa warqee fi waancaa akka argatu isa taasisera.


Tolchaan Godina Baalee Aanaa Gaasaraatti dhalatee kan guddate yoo ta'u, barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaas qabxii olaanaadhan xumuruu isaa dubbateera.

Milkaa'ina isaatiif bu'urri qisaasama yeroo dhabuu, carraaqqii walitti fufiinsaa fi jabaatanii hojjechuudha kan jedhu Tolchaan: "Gargaarsi haatii fi abbaan isaa, akkasumas deeggarsi barsiisotni isaa taasisaniif bu'aa kanaaf gumaacha guddaa isaaf gochuu dubbateera.

Gara fuulduraattis ogummaa fayyaa baradheen biyya koo hafuura garaalafummaa fi amanamummaatin tajaajiluuf qophiidha." Jechuun Barataa Tolchaa Kabbadaa kan dubbate.

Pireezidantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Birhaanamasqal Xannaa sirnicha irratti akka dubbatanitti, bu'aan Tolchaa fi barattoonni biroo galmeessan dargaggoota biroof fakkeenya kutannoo fi jabinna kaayyooti jedhaniiru.

Guyyaan kunis "abjuun gara dhugaatti jijjiirame, imimmaan maatii gara gammachuutti kan geddarame fi dadhabbiin barsiisotaa firii itti godhate dha" jedhan.

"Digiriin harʼa fudhattan galata dhumaa osoo hin taane, amanaa (dirqama) hawaasaa ti.

Addunyaniis har'a ragaa barumsaa qofa osoo hin taane, dandeettii furmaata fiduu, amanamummaa, uumama dandeettii haaraa, garaalafummaa fi hafuura tajaajiltummaa isin irraa eegdi." jedhan Dr. Birhaanamaasqal Xanaa ergaa isaaniitiin.


 

Pireezidantichi keessattuu eebbifamtoota ogummaa fayyaaf yommuu dubbatan, lubbuun namaa amanaa harka isaanii irra jiru ta'uu erga yaadachisanii booda, teeknoolojii fi (AI) addunyaa jijjiiraa jiraatanis, garaalafummaa namaa fi qalbii qulqulluu bakka bu'uu akka hin buune beekuun miira saniin socho'uu akka qaban himan.

“Jechi gaariin qorichaan dura nama fayyisa" jedhuun, dhukkubsattoota garaalafummaa fi jecha jajjabeessuun tajaajiluun abdii isaanii akka haaromsan gorsaniiru.

Eebbifamtoonni ogummaa fayyaa fi seeraa kakuu dhalootaa kan raawwatan yoo ta'u, hundi isaaniiyyuu ogummaa barataniin biyya isaanii tajaajiluuf waadaa galaniiru.

Yunivarsiitiin Madda Walaabuu eebba har'aa dabalatee, hanga ammaatti barattoota kuma 48 ol ta'an ogummaa adda addaan leenjisee biyyaaf gumaachuu isaa beekameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015