Yunivarsiitiin Finfinnee Of-Bulchuunsaa bilisummaa dhaabbatatiin qorannoowwan biyyaaf fayyadanii fi barattoota gahumsa qaban horachuuf humna guddaa uumeeraaf - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Finfinnee Of-Bulchuunsaa bilisummaa dhaabbatatiin qorannoowwan biyyaaf fayyadanii fi barattoota gahumsa qaban horachuuf humna guddaa uumeeraaf
Waxabajjii 20/2018 (ENA)-Yunivarsiitiin Finfinnee of-bulchuun isaa bilisummaa dhaabbatatiin qorannoowwan biyyaaf fayyadanii fi barattoota gahumsa qaban horachuuf humna guddaa akka uumeef Pireziidantiin Eeggataa yuunivarsiitichaa Dr. Saamu’eel Kiflee ibsan.
Yunivarsiitiin Finfinnee marsaa 76ffaatiin barattoota kuma 6 fi 417 digrii jalqabaa, digrii lammaffaa, digrii sadaffaa fi sagantaalee birootiin leenjisaa ture eebbisiisaa jira.
Sagantaa eebbaa kana irratti Ministeerri Barnootaa fi Chaansilarri Yunivarsiitichaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa, Hojii Raawwachiistuu ItiyooTelekoomi fi Walitti Qabduu Boordii Yunivarsiitichaa Fireehiwoot Taammiruu, hoggantoonni mootummaa ol-aanoon, maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Pireziidantiin Eeggataa Yunivarsiitichaa Dr. Saamuel Kiflee ergaa baga gammaddananii dabarsaniin, eebbi baranaa ga’umsa barumsaa, qorannoo fi kalaqaa waggaa 75 Yunivarsiitichi kabajee buleesaan ta'uun isaa adda isa taasisa jedhaniiru.
Sagantaan eebbaa kun, Yuunivarsiitichi waggoota hedduuf ofiin ofbulchuuf qabsaa'aa kan ture, hojiidhaan mirkaneessuu kan eegale booqonnaa seenaa addaa ta'uu isaa hubachiisaniiru.
Ce’umsi kun dhaabbatichi ulaagaa mataa isaatiin barattoota akka fudhatu, sagantaalee akadaamii akka babal'isu fi bilisummaa dhaabbata isaa eegee akka hojjetu dandeettii guddaa akka uumeef ibsaniiru.
Dorgommiiwwan Yunivarsiitichi galmeessisaa jiru ilaalchisee, baay'ina qorannoo fi maxansoota qorannootiin ulaagaalee idil-addunyaatiin Yunivarsiitiin Finfinnee Afrikaa Bahaa keessaa dursa, waliigala Afrikaa keessaa ammoo dhaabbilee barnootaa isaan jalqabaa 5 keessaa tokko ta'uun isaa mirkanaa'eera jedhaniiru.
Qormaata ba'iinsaa biyyaalessaa dhiyoo kana kennameen, Yunivarsiitichi barattoota kuma 3 fi 960 qorsiise keessaa kuma 3 fi 602 dhibbaatti 91 qormaata darbuu isaanii dubbataniiru.
Keessattuu sagantaalee barnootaa 18 keessatti barattoonni qoraman guutummaatti dhibba keessaa dhibba akka darban eeraniiru.
Biyya keenya keessatti abdiin guddaan, addunyaa keenya irratti ammoo jijjiiramni warraaqsa indaastarii ariifataan yeroo mul’achaa jirutti barattoonni eebbifamtan, barri fuuldura keessan jiru baay'ee ifaadha jedhaniiru.
Imalli ofiin of-bulchummaa Yuunivarsiitiin Finfinnee eegale, ofii isaa bilisummaa fooyya'aadhaan fi itti gaafatamummaa dhaabbataa cimeen gaggeessuun, badhaadhina hundagaleessa Itiyoophiyaatiif sagantaalee akadaamii humna ta'an babal'isuu fi sirna dhaabbatichaa fi bulchiinsaa cimsuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Dabalataanis, guutuu Itiyoophiyaa keessaa barattoota gahumsaa fi dandeettii addaa qaban ulaagaa mataa isaatiin simatee barsiisuuf akka isa dandeessisu kaasaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa isaanii gara ogummaatti guddisuun addunyaa fi biyyaaf furmaata ta'uu akka qaban dhaamaniiru.