Tamsaasa Kallatti:

Yunivarsiitiin Salaalee Barattoota sagantaawwan barnoota garaa garaatiin barsiisaa ture 420 eebbisiise

Waxabajjii 20/2018(ENA)-Godina Shawaa Kaabaatti Yuniversiitiin Salaalee baratoota sagantaawwan barnoota garaa garaatiin barsiisaa ture digirii 1ffaa fi 2ffaa 420 eebbisiiseera.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhinsaa Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti qorannoo fi qo’annoo rakkoo hawaasa naannichaa furan heedduu hojjetaa jiraachuu himan.


Dabalataan eebbifamtoonnii ogummaa ittin eebbifamaniin amanamummaa fi miira aantummaa qabuun ummata isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Keessummaa kabajaa ta'uun Sirna eebba barattootaa kana irratti argamuun haawasa kan taasisan itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Kaabaa Obboo Gaashahuun Akiliiluu akka jedhanitti; dhaabbilee barnootaa olaanoo humna nama baratee biyyattiin barbaaddu kanneen gahumsa qaban oomishaa jiran keessaa tokko ta'uu ibaniiru.


Eebbifamtoonnis beekumsa gonfataniin eeggattummaa keessaa bahuun hojii ummatanii hojjechuun guddina biyyattii keessatti gahee isaanii bahuu akka qabanis dhaamaniiru jechuun Waajjirri Komunikeeshinii Godina shawaa kaabaa gabaaseera.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015