Tamsaasa Kallatti:

Ummanni Itiyoophiyaa fi caasaan nageenyaa filannichi nagana akka xumuramu gochuun hawwii badii humnoota diinaa fashaleesseera

Waxabajjii 20/2018 (ENA)- Ummanni Itiyoophiyaa fi caasaan nageenyaa filannichi nagana akka xumuramu gochuun hawwii badii humnoota diinaa fashaleessuusaa de’eetaan ministira nageenyaa Dr. Keyiraddiin Tazarraa ibsan.


Ministeerri nageenyaa hoggantoota dhaabbilee nagaa fi tasgabbii, poolisii fi milishaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa waliin akkaadaamii ga’oomaa hoggansa Afriikaatti leenjii kennuu eegaleera.

De’eetaan ministira nageenyaa Dr. Keyiraddiin Tazarraa saganticharratti ergaa dabarsaniin,dursanii qorachuun walitti bu’iinsi sadarkaa cimaarra osoo hin ga’iin ittisuun akka danda’amu haalli dandeessisu uumamaa jira.


Ministeerri nageenyaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin ijaarsa nageenyaa fi walooma ilaalchisuun hojii bu’a qabeessa raawwateera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015