Eebbifamtoonni Beekumsa Yunivarsiitii keessatti argatan gara hojiitti jijjiiruun Itiyoophiyaa ijaaruuf carraaquu qabu - ENA Afaan Oromoo
Eebbifamtoonni Beekumsa Yunivarsiitii keessatti argatan gara hojiitti jijjiiruun Itiyoophiyaa ijaaruuf carraaquu qabu
Waxabajjii 20/2018 (ENA) - Eebbifamtoonni yeroo Yunivarsiitii turanitti beekumsa argatan gara hojiitti jijjiiruun Itiyoophiyaa ijaaruuf carraaquu qabu jedhan Hoggantuun Waajjira Muummee Ministeeraa fi Ministirri Dhimmoota Kaabiinee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos.
Yunivarsiitiin Jimmaa barattoota sagantaalee adda addaatiin leenjise kuma 2 fi 973 har'a eebbisiiseera.
Sagantaa eebbaa kana irratti Hooggantuun Waajjira Muummee Ministiraa, Ministirri Dhimmoota Kaabiinee fi Walitti Qabduun Boordii Bulchiinsa Yuunivarsiitii Jimmaa Aadde Alamtsaahaay Phaawuloos akka jedhanitti, "Barattoonni har'a eebbifamtan qabeenya qaqaalii biyya keenyaati" jedhaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa yeroo Yunivarsiitii keessatti argatanitti fayyadamuun Itiyoophiyaa ijaaruu fi badhaadhomsuuf, akkasumas guddina isheetiif qaama furmaataa ta'uu akka qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaa keessa qabeenyi dilbiin misoomaa kan hin tuqamne akka jiran eeranii; tokkummaa keenya cimsuun misooma irratti harka wal qabannee hojjechuutu nurraa eegama jedhaniiru.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr.Jamaal AbbaaFiixaa ergaa eebbifamtootaaf dabarsaniin "Qormaataan osoo hin jilbeeffatiin, gufattoota darbitanii as gahuu keessaniif gammachuu qabu ibsa" jedhaniiru.
Yunivarsiitichi hojiiwwan hawaasa irratti xiyyeeffatan hedduu akka hojjetu eeranii, kana itti fufsiisuun itti gaafatamummaa barattootaa fi hojjettoota qaama Yunivarsiitichaa ta'an hundati jedhaniiru.
Yunivarsiitiin Jimmaa dandeettii barattootaa cimsuu fi qorannoowwan gaggeessuu dabalatee hojiiwwan damee dandeettii hedduu hojjechaa jira jedhaniiru.
Kana malees, Yuunivarsiitichi dhaabbata mataa isaa danda'e (of-bulchu) ta'uuf adeemsawwan dhimma kana guutan xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Yunivarsiitichi gara fuulduraas damee hawaasummaatiin qorannoowwan rakkoo hiikan gaggeessuun bu'aawwan argamaa jiran cimsee kan itti fufu ta'uu dubbataniiru.