Tamsaasa Kallatti:

Yunivarsiitiin Finfinnee barattoota kuma 6 fi 417 eebbisiisaa jira

Waxabajjii 20/2018 (ENA) - Yunivarsiitiin Finfinnee barattoota marsaa 76ffaaf barsiise kuma 6 fi 417 eebbisiisaa jira


Ministirri barnootaa fi Chaansilariin Yunivarsiitii Finfinnee piroofeesar Birhaanuu Naggaa, hojii rawwachiiftuun Itiyoo-Telekomii fi walitti qabduun boordii Yunivarsiitii Finfinnee Fireehiywoot Taammiruu dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo, maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru.

Barattoonni har’a eebbifaman digirii tokkoffaa, digirii lammaffaa fi digirii sadaffaan kan baratan ta’uun ibsameera.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015