Tamsaasa Kallatti:

Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase yaada hawaasa maraa kan hammataniidha – Jiraattota Magaalaa Roobee

Waxabajjii 20/2018 (ENA)-Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa adda baase rakkoolee bu’uuraa Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisanii fi hunda kan hammatan ta’uu jiraattonni kutaalee hawaasaa adda addaa magaalaa Roobee ibsan.

Komishinichi marii biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 eegaluuf jiruuf ajandaalee gurguddoo saddeet ta’an adda baasuun isaa ni yaadatama.

Ajandaalee komishinichaan adda baafaman ilaalchisee yaada isaanii ENA’f kan kennan jiraattonni fi gaggeessitoonni hojii magaalaa Roobee; ajandaaleen filataman rakkoolee bu’uuraa biyyattii furuuf kan dandeessisanii fi hunda kan hammatan ta’uu ibsaniiru.

Yaada isaanii kan kennan keessaa Itti Gaafatamaan Mana Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Waaqoo Guutuu barsiisaa Dassaalenyi Abdataa; Komishiniin Marii Biyyaalessaa wal-dhabdee biyyattii keessa ture furuuf akka dandeessisu dubbataniiru.

Yeroo ammaas ajandaaleen gurguddoon saddeet komishinichaan adda baafaman rakkoolee bu’uuraa Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisanii fi hunda-galeessa waan ta’aniif, hojiirra oolmaa isaaniitiif gahee isaanii akka bahan ibsaniiru.

Hojjetaan waajjira komunikeeshinii mootummaa godina Baalee Obbo Abbabaa Galaalchaa gama isaaniitiin; komishinichi ajandaalee walitti qabee haala hunda hammateen mariif dhiyeessuu isaa dinqisiifataniiru.

Milkaa’ina adeemsa marii kanaatiif waltajjiiwwan adda addaa irratti hawaasaaf hubannoo uumuun dirqama lammummaa isaanii akka bahan dubbataniiru.

Barsiisaa Tsaggayee Bayyanaa gama isaaniitiin; mariin biyyaalessaa rakkoolee kutaalee hawaasaa adda addaa keessatti mul’atan mariidhaan furuuf tokkummaa cimsuuf carraa gaarii kan uumedha jedhaniiru.

Adeemsi kun rakkoolee Itiyoophiyaa keessa turaan mariidhaan furuuf carraa seenaa kan banu ta’uu hubachuun, milkaa’ina isaatiif hunduu harka wal qabatee hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.

Jiraataan magaalaa kan biraan Obbo Garramaaw Kaffaaloo gama isaaniitiin; mariin biyyaalessaa yaada hundaa fudhachuun dhimmoota bu’uuraa fi murteessoo irratti waliigalteee uumuuf ajandaaleen gurguddoon adda baafaman hunda kan hammatanii fi haaloowwan kanaan dura turan akka furaman carraa kan uumaniidha jedhaniiru.

Yaada kennitoonni dabalaniis, adeemsi komishinichaa hanga ammaatti jiru haqummaa yaadaa fi hunda-galeessummaa kan qabu ta’uu hubachuun, milkaa’ina isaatiif deeggarsa isaanii cimsuun akka itti fufan mirkaneessaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015