Godina Shawa Lixaatti bara kanaan lafa hektaara kumni 31 irratti Ruuziin ni misooma - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawa Lixaatti bara kanaan lafa hektaara kumni 31 irratti Ruuziin ni misooma
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawa Lixaatti hojii qonna gannaan lafti hektaara kuma 31 ruuziin misoomsuun eegalamuu isaa Bulchiinsi Godinichaa ibse.
Hoggantoonni olaanoon naannoo, godinaa fi aanaalee bakka argamanitti Aanaa Iluu Galaanitti hojiin misooma Ruuzii kilaastaraan oomishaa bara 2018/19 misoomsuun eegalameera.
Sirna jalqabsiisa kana irratti kan argaman Bulchaan Godina Shawa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa akka ibsanitti, inisheetivota 33 mootummaan naannichaa damee qonnaatiin bocee gara hojiitti gale keessaa oomishni Ruuzii isa tokkodha.
Oomishni Ruuzii godinichatti bal'inaan kan baratame ta'uu baatus, waggoota muraasa as qajeelfama mootummaan kaa'e bu'uureffachuun hawaasni waliin ta'uun kilaastaraan gurmaa'ee hojiitti galuusaa eeraniiru.
Dameen kun wabii nyaataa mirkaneessuu dabalatee dinagdee biyyattii guddisuu kan danda'u waan ta'eef, lafa hektara 36 irratti sanyii Ruuzii facaasuun eegalamuusaa ibsaniiru.
Itti-aanaan Hoogganaa Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Abdiisaa Hayiluu gama isaaniitiin, qonna gannaa baranaatiin lafa hektara kuma 900 ol sanyiiwwan oomisha adda addaatiin facaasuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Kanneen keessaa lafa hektara kuma 31 ol ta'u oomisha ruuzii facaasuuf karoorfamee hojiin eegalamuu ibsaniiru.
Itti-aanaa Bulchaa Aanaa Iluu Galaanii fi itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa Obbo Tasfaayee Bantii Qonnaan bultoonni aannichaa qonna ruuzii kilaastaraan facaasuu barataamaa dhufuu ibsaniiru.
Aannichatti bara oomishaa 2018/19 kanaan lafa hektara kuma 5 oomisha ruuzii facaasuuf karoorfamee, galteewwan qonnaa qonnaan-bultootaaf dhiyeessuun hojiin sanyii facaasuu eegalamuu isaa eeraniiru.
Qonnaan bulaa Aanaa Iluu Galaan Obbo Zawuduu Zannabaa Oomisha ruuzii kilaastaraan facaasuu erga eegalanii waggaa afur akka ta'e ibsuun, kanaan dura hektara tokko irraa oomisha xiqqa dhuunfaan argachaa akka turan yaadachiisaniiru.
Garuu amma deeggarsa ogummaa ogeeyyii qonnaatiin lafa isaanii hektaara tokko irraa oomisha ruuzii hanga kuntaala 80 argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiru.