Tamsaasa Kallatti:

Nageenyi Godinichatti mirkanaa'e gaaffii bu'uuraalee misoomaa Jiraattotaa deebisuun dandeessiseera

Waxabajjii 19/2018 (ENA) - Godina Wallagga Lixaatti nageenyi mirkanaa’uun gaaffii bu’uuraalee misoomaa jiraattotaa deebisuuf akka gargaare Bulchaan Godinichaa ibsan.

Hoggantoonni olaanoon godinichaa aanaalee adda addaa keessatti bu’uuraalee misoomaa xumura bara baajataa kanaan ijaarman eebbisiisaa jiru.

Haaluma kanaan, Aanaa Qondaalaatti pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu birria miliyoona 219 olittin ijaarame kan eebbifame yoo ta'u, Bulchiinsa Magaalaa Mandii keessattis gamoon bulchiinsaa birrii miliyoona 42n ijaarame tajaajilaaf ga’eera.


Sirna eebbaa kana irratti Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa akka jedhanitti; bara bajataa kanaan pirojektoonni faayidaa ummataa guddisan yeroo fi qulqullina qabameen xumuramanii tajaajilaaf ga’aa jiru.

Bu’uuraalee misoomaa kanneen keessaa pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Aanaa Qondaalaa keessatti tajaajila eegale kun gaaffii yeroo dheeraa ummataa akka ture ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa naannichatti ture furmaata argatee nageenyi amansiisaan bu'uun isaa, ijaarsa bu'uuraalee misoomaa ariifachiisuuf carraa guddaa uumuu isaa ibsaniiru.

Fuuldurattis hojiiwwan misoomaa eegalaman caalaatti akka ciman hawaasni yeroo kamiyyuu caalaa nageenya naannoo isaa dammaqinnaan eeggachuu akka qabu dhaamaniiru.

Gaaffii misoomaa ummata godinichaa adeemsaan deebisuun, dandeettii misooma naannichaa guutummaatti fayyadamuuf akka hojjetamus ibsaniiru.

Pirojektoonni baajata ummataa fi mootummaatiin ijaaraman tajaajila sirrii akka kennaniif eegumsaa fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuu akka qabus eeraniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Wallagga Lixaa Obbo Salamoon Qananii gamasaaniin, bara baajataa kanaan ijaarsi pirojektoota dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu guddisan gaggeeffamaa turuu dubbataniiru.

Pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu kunneen rakkina bishaan dhugaatii qulqulluu namoota kuma 116 furuuf kan dandeessisan ta'uus ibsan.


Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mandii Obbo Faqqadaa Tasiisaa gamasaaniin, Gamoon bulchiinsaa magaalichatti tajaajilaaf qophaa'e tajaajila giddugala tokkoo kan si’ataa fi qindaa'aa ta'e magaalattii keessatti kennuuf dandeessisa jedhaniiru.

Gamoon kun bal'ina lafaa kaaree meetira 370 irratti kan qubate, kutaalee tajaajilaa adda addaa 28 kan qabu fi yeroo tokkotti tajaajilamtoota hedduu keessummeessuu kan danda'u ta’uu ibsaniiru.

Jiraattuu Aanaa Qondaalaa keessaa Aadde Muftahaa Yusuuf yaada kennaniin, Pirojektiin kun rakkina dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu yeroo dheeraa akka isaaniif salphisu dubbataniiru.

Naannichatti bishaan dhugaatii qulqulluu argachuuf miilaan fageenya dheeraa deemuun dirqama isaanii akka ture yaadachiisanii, kanaan dura sababa hanqina dhiyeessii bishaan qulqulluutiin dhibeewwan bishaanirraa ka'aniif saaxilamaa turuu isaanii ibsaniiru.

Jiraattuu Aanicha biroon aadde Shoonee Shaafii, yeroo ammaa gaaffiin isaanii deebii argachuu isaatti gammaduu isaanii dubbataniiru.


Carraaqqii mootummaan gaaffii fedhii bu'uuraalee misoomaa ummataa deebisuuf taasisu dinqisiifachuun, pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu tajaajilaaf qophaa'e kun umrii dheeraa akka tajaajiluuf eegumsaa fi kunuunsa sirrii gochuun qooda isaanii akka bahan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015