Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Finfinneetti gatii kiraa manaa jiraattonni kaffaluu danda’an tilmaama keessa kan galche qorannoon haqa qabeessaa fi saayinsaawaa ta'e gaggeeffameera - Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii

Waxabajjii 19/2018 (ENA): Finfinneetti Labsii To'annoofi bulchiinsa Kiraa mana jireenya labsii lakkoofsa 1320/2016 bahe hordofuun qorannoo gaggeeffame irratti mari'atameera.

Marii kana irratti haasawaa kan taasisan Hooggantuun Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Manneenii Magaalaa Finfinnee Aadde Qiddisti W/Giyoorgis mootummaan olaantummaa seeraafi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan.


 

Kanaafis Qorannoo galmeefi Sirreeffama kiraa manaa irratti gaggeessuun gatii madaalawaan akka jiraatu taasisaa jirra jedhan.

Qorannoon mana kiraa irratti adeemsifame kun haala qabatamaa magaalaa Finfinnee kan giddu galeeffateefi miira amanamummaa abbaa qabeenyaafi kireeffataa gidduutti kan uumuu ta'uus ibsan.

Dandeetti jiraattonni magaalichaa kaffaluuf qaban kan giddu galeeffateefi sosochii diinagdeefi daldalaas ni tasgabbeessa jedhan.

Qorannoo Hayyootaan adeemsifame kana irratti, hooggantoonni, qooda fudhattoonnii, abbootiin qabeenyaafi kirreeffattootni hawaasa bakka bu'an irratti mari'ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015