Tamsaasa Kallatti:

Tarsiimoo fi rood-maappiin hojii gamtaa biyyaalessaa hojmaata waldaalee ammayyoomsuun gara boqonnaa haaraatti kan ceesisudha

Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Tarsiimoo fi rood-maappiin hojii gamtaa biyyaalessaa haaraan hojmaata waldaalee ammayyoomsuun gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu ta’uu ministirri qonnaa Addisuu Araggaa ibsan.

Ministeerri qonnaa waltajjii sosochii tarsiimoo fi rood-maappii hojii gamtaa biyyaalessaa wagga kudhanii gaggeessuu eegaleera.

Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa fi hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru.

Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa waltajjicharratti akka ibsanitti, Roodmappiin haaraan hojmaata waldaalee hojii gamtaa ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti kan Ceessisudha.

Waldaalee kanneen bal'inaan gurmeessuunii fi dorgomummaa isaanii guddisuun walitti hidhamiinsa baadiyaa fi magaalaa cimsuun akka danda'amu ibsanii, kunis imala badhaadhinaa Itiyoophiyaan eegalte mirkaneessuuf dandeettii guddaa akka ta'u eeraniiru.


Tarsiimoon Roodmaappichaa faayidaalee hedduu akka argisiisan eeranii Ce’umsa qonnaa saffisiisuun, oomishaa fi omishtummaa guddisuun sadarkaa jireenya Qonnaan bulaa fi horsiiseebulaa ol kaasa jedhaniiru.

Dabalataanis waldaalee hojii gamtaa kan ammayyeessu ta’uu kan eeran ministirichi, hojii gamtaa ammayyeessuun qonna ammayyeessuudha, qonna ammayyeessuun ammo dinagdee biyyaa mirkaneessuudha jechuun hubachiisaniiru.

Gufuuwwan caasaa fi hojmaataa Kanaan dura waldaalee hojii gamtaa keessatti mudachaa turan furuun caalaatti bu’a qabeessa akka ta’an godha jedhaniiru.


 

Tarsiimoon kun guutummaatti hojiitti wayita galu oomishaa fi oomishtummaa mirkaneessuudhaan faayidaa biyya keessaarra darbee biyya alaatti erguun sharafa alaa akka argamsiisus eeraniiru.

Kana malees carraa hojii bal’aa uumuudhaan guddina dinagdee Itiyoophiyaa akka ol kaasu eeraniiru.

Tarsiimoo fi rood-maappiin biyyaalessaa wagga kudhanii kun dinagdee qonnaa si’achiisuun, waldaaleen hirmaannaa raabsii oomishaa biyya keessaa fi gabaa addunyaarratti qaban akka dabalu waltajjii sosochii kanarratti himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015