Biqiltoota Ashaaraa Magariisaatiin dhaabneef kunuunsa fulla’aa ni taasifna - jiraattota Naannoo Hararii - ENA Afaan Oromoo
Biqiltoota Ashaaraa Magariisaatiin dhaabneef kunuunsa fulla’aa ni taasifna - jiraattota Naannoo Hararii
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Hirmaattonni sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Naannoo Hararii, biqiltuu dhaabbuu bira darbee kunuunsa fulla’aa taasisuuf kutannoosaanii ibsan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa sadarkaa biyyaalessaatti kaka’umsa olaanaa fi hirmaannaa ummataatiin raawwatamaa jiru irratti dammaqinaan hirmaachaa kan jiran jiraattonni Naannoo Hararii, xiyyeeffannaan isaanii ijoon biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taane, kunuunsuu irrattis ta’uu eeraniiru.
Hirmaattota duula kanaa keessaa yaada isaanii ENA’f kan kennite Faayoo Muktaar, Ashaaraan Magariisaa naannoo keenyaatti magariisa akka arginuu fi qilleensa qulqulluu akka argannu nu dandeessiseera jetteetti.
Biqiltuu dhaabanii kunuunsuu dhiisuun akka daa’ima da’uun utuu hin guddisin dhiisuuti, jechuun hojii biqiltoota dhaabaman kunuunsuu cimsuun dubbatteetti.
Ooriit Abdii gama isheetiin, hojiin misooma Ashaaraa Magariisaa gannaa raawwatamaa jiru Harar magariisaa uffisuun miidhaginni ishee akka dabalu taasiseera jetteetti.
Biqiltoota Ashaaraa Magariisaatiin dhaabaman kunuunsuu hojii karoora irratti hundaa’een raawwachuuf qophaa’uu isaaniis ibsiteetti.
Koolleejjii Qonnaa Yunivarsiitii Haramayaatti Qindeessaa Pirojektii Misooma Sulula Haroo Haramayaa fi Barsiisaa Itti Fayyadama Qabeenya Umamaa kan ta’an Diinee Rashiid akka jedhanitti hojiin dhaabbii biqiltuu sululoota irratti Ashaaraa Magariisaatiin hojjetamaa jiru dhiqama biyyee ittisuun bishaan gara keessa lafaatti akka seenu gochaa jira jedhaniiru.
Kanaanis Haroon Haramayaa waggoota dheeraaf gogee ture akka deebi’u gochuun bu’aa sochii hojii Ashaaraa Magariisaa ta’uu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Keessattuu yeroo ammaa kana ummanni Ashaaraa Magariisaa irratti tokkummaan hirmaachuun naannoo isaa jijjiiraa jiraachuu isaas dabalaanii ibsaniiru.
Dargaggoon Rastam Umar gama isaatiin, hojiin dhaabbii biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin hojjetamaa jiru biyya bira dabree biyyoota ollaatiifis akka geenyu kan nu dandeessisedha jedheera.
Naannoo Harariitti sagantaan Ashaaraa Magariisaa gannaa kan bara kanaa kaleessa Pirezidaantii Naannichaa Oordiin Badrii bakka argamanitti eegaluunsaa ni yaadatama.