Tamsaasa Kallatti:

Ajandaaleen Furmaataa komishiniidhaan adda baafamanii dhiyaatan rakkoolee biyyaalessaa turaniif furmaata waaraa fiduu kan dandeessisaniidha

Waxabajjii 19/2018 (ENA) - Ajandaaleen marii komishiniidhaan adda baafamanii dhiyaatan rakkoolee biyaalessaa turaniif furmaata waaraa fiduu kan dandeessisan ta’uu jiraattonni Magaalaa Asoosaa ibsan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa marii seenaa qabeessa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeessu irratti ajandaalee irratti mariyataman kanneen ummata irraa walitti qabaman ifatti beeksisuunsaa ni yaadatama.

Gama kanaan ENA’n jiraattota magaalaa Asoosaa dubbise, hojii koomishinichi ajandaalee ummata biraa walitti qabaman adda baasuu fi furmaata akka argatan gochuuf hojjechaa jiru dinqisifataniiru.

Ajandaaleen adda baafaman kunniin Itiyoophiyanoota hundaa giddugaleessa kan godhatanii fi rakkoolee biyyaalessaa mariidhaan furmaata waaraa kennuuf kan dandeessisan ta’uu jiraattonni ibsuun, milkaa'ina adeemsa kanaatiif tumsii fi qophaa'ummaa qaama hundaa murteessaa ta'uu kaasaniiru.

Namoota yaada kennan keessaa Obbo Mussaa Umar akka jedhanitti; mariin komishinichi gaggeessu barbaachisummaa marii gochaan kan argisiisu ta’uun olittis, hirmaannaa cimaa lammiilee hundaa kan gaafatudha.

Komishinichi lammiileen yaada isaanii walabaan akka dhiyeessan carraa mijeessuudhaan adeemsi marii kun hirmaachisaa, hammattaa fi hundagaleessa akka ta'u haalli mijeesse milkaa'aa ta'uu eeraniiru.

Kanaanis, ajandaaleen komishinichaan dhiyaatan rakkoolee biyyaalessaa kanneen turaniif furmaata waaraa fiduu akka danda'an nan amana jedhaniiru.

Jiraataa magaalichaa biroon Obbo Tafarrii Bulchuu gama isaaniitiin, ajandaaleen mariif dhiyaatan waligala ta'anii keessa isaaniitti dhimmoota baay'ee kan hammatan ta'uu kaasaniiru.

Ajandaalee kanneen irratti sirnaan yoo marii’anne rakkoolee waliinii biyyaalessatiif furmaata waaraa kan fidan ta'u jedhaniiru.

Ajandaaleen komishinichaan adda baafaman waltajjii marii uummataa naannoo adda addaatti gaggeeffame irratti kanneen ka'anii fi kutaalee hawaasaa hundaa kan hammatan ta'uu kan ibsan ammoo jiraattuu magaalaa Asoosaa biraa Aadde Zihuurii Kamaal dha.

Ajandaaleen marii kun dhimmoota hundagaleessa kan qabatan, misooma biyyaatiif, ijaarsa nageenya waaraatiif, ijaarama tokkummaa biyyaalessaa sabdaneessaa fi ijaarsa sirna mootummaatiif bu'uura jabaa kan kaa’an ta'uu kaasaniiru.

Yaada kennitoota biroo keessaa Barsiisaa Darajjee Dalanaa akka ibsanitti, ajandaaleen ijoo ta'an saddeettan keessa isaaniitti yaada bal'aa kan qabataniidha.

Komishinichaan ajandaaleen marii adda baafamanii fi beekaman : Ijaarsa biyyaa, caasaa fi bifa mootummaa akkasumas sirna siyaasaaBakka bu'iinsa siyaasaa fi sirna filannoo, dhimma magaalaalee federaalaa, dhimmoota amantaa, Ijaarsa dhaabbilee, Olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkasumas dhimma qotee bulaa fi horsiise bultootaa, Malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas ijaarsa nageenyaa ta’uun isaanii ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015