Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Tajaajila Lammummaa waktii Gannaa tola ooltota miliyoona 38 hirmaachisu jalqabuufi

Waxabajjii 19/2018(ENA): Hojiin tajaajila lammummaa mata duree tajaajila lammummaa olka'insa biyyaaf jedhu kan waktii Gannaa tola ooltota miliyoona 38 hirmaachisu eegaluufi.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetiivii tajaajila lammummaa qorannoon tumsee duudhaafi safuu Oromoon dabaalee Caffeen raggaasuun erga hojiirra oolche waggoota 7 lakkoofsiseera. Waamicha mootummaan taasise hordofee lammileen biyya keessaafi biyya alaa waggaa waggaan hojii tajaajila lammummaa irratti hirmaachaa jiru.

Galmi hojii tajaajila lammummaa misooma waloo ijaaruu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hojii waggootan Torban darban hojjetameenis injifannoon galmaa’uu danda’eera.

Hojii tajaajila lammummaa gara duudhaafi safuu uummataatti ceesisuun duulaan hojjechuu irraa gara lammii hundi akka aadeffatu taasisuu irratti hojjetamaa jiraachuu hogganaa Itti Aanaan Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Itti gaafatamaan damee Tajaajila Lammummaa Dr. Mahaammadnaasir Abbaajamaal har’a wayiita ibsa miidiyaalef kennan dubbataniiru.

Tola ooltotni karaa ijaarameefi dhuunfaadhaanis humna, beekumsa, qabeenyaafi yeroo isaanii bilisaan nama dhuunfaa, kutaalee hawaasaafi biyyaaf kennuudhaan tumsi namoomaa kan ittiin taasifamu ta’uu kan ibsan Dr. Mahaammadnasir tola ooltota naannichatti hojjechuu bira darbuun daangaa qaxxaamuraanii tajaajilan horachuun danda’ameeras jedhaniiru.

Tajajilli Lammummaa Oromoof duudhaa isaa ganamaa ta’uu kan ibsan Dr. Mahaammadnasir hojii naannichatti hojjetamaa dhufeen deeggarsa namoomaa taasisuu fi misooma waloo ijaaruu irratti boqonnaa haaraan saaqamuu isaa himaniiru.

Ganna bara 2017/2018 keessa tajaajila lammummaa irratti dargaggootni miliyoona 9.7, dhaabbilee hawaasa siivilii garaagaraa irraa Kuma 228fi kutaalee hawaasa adda addaarraa namootni miliyooni 40 ol waamicha dargaggootaaf taasifame hordofuun hojii tajaajila lammummaa irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015