Godina Shawaa Lixaatti Pirojektoonni Bu'uraalee Misoomaa gaaffii hawaasaaf deebii kennan tajaajilaaf ga’an - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti Pirojektoonni Bu'uraalee Misoomaa gaaffii hawaasaaf deebii kennan tajaajilaaf ga’an
Waxabajjii 19/2018 (ENA):- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti gaaffiiwwan misoomaa Ummataa kanneen turan furuuf bu’uraaleen misoomaa adda addaa ijaaraman xumuramanii marsaa lamaan eebbifamuun tajaajilaaf banamuu isaanii bulchiinsi godinichaa beeksise.
Projektoota ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’an kanneen Aanaa Iluu Galaan keessatti argaman, Misooma Koriidarii,
Keellaa Fayyaa Beeyiladaa, Mana Barumsaa Idileen duraa (Pre-school) fi bu’uraaleen misoomaa biroon ni argamu.
Sirna eebbaa kana irratti kan argaman Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diidhaa Guddataa akka ibsanitti; godinichatti projektoonni misoomaa tumsa ummataa fi mootummaatiin ijaaraman tajaajilaaf ga’aa jiru.
Bulchaan godinichaa akka ibsanitti, bara baajataa kanatti marsaa jalqabaatiin pirojektoonni misoomaa 391 eebbifamuun tajaajila kan jalqaban yoo ta'u, eebbifamuun marsaa lammaffaa ammoo Aanaa Iluu Galaanitti eegaluusaa eeraniiru.
Projektoonni marsaa lammaffaa ijaarsi isaanii xumuramee eebbaaf qophaa'an kunniin baay'inni isaanii 128 ta'uu isaas ibsaniiru.
Gama biraatiin, Bulchaan Aanaa Iluu Galaan Obbo Amiin Nashaa akka jedhanitti; aanichatti baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin baasii qarshii miliyoona 106 ol ta'uun pirojektoonni misoomaa 18 xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Bu’uraaleen misoomaa ijaaraman kunniin gaaffiiwwan ummata naannichaa kanneen waggoottan dheeraaf turan kan furan ta'uu bulchaan aanichaa ibsuun; ummatni pirojektoota kanneeniif kunuunsa barbaachisaa gochuun dhaloota dhufuuf dabarsuu akka qabu dhaamaniiru.
Jiraattonni Aanaa Iluu Galaan ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, pirojektoonni naannoo isaaniitti tajaajila jalqaban kunniin gaaffii isaanii kan yeroo dheeraa deebisuu bira darbee, fayyadamummaa diinagdee isaanii akka guddisu amantaa qaban ibsaniiru.
Obbo Hundumaa Tarreessaa manni kitaabaa dijiitaalaa ganda keenyatti ijaaramee tajaajila jalqabuun isaa, barattoonni naannichaa tekinoolojiidhaan gargaaramanii beekumsa akka argatanii fi sadarkaa biyyaalessaa akkasumas idil-addunyaatti dorgomaa akka ta'an gargaarsa guddaa taasisa.
Dabalataan Daraartuu Wagaarii bu’uraaleen misoomaa tajaajilaaf banaman kunniin fayyadamummaa hawaasa naannichaa kan dabalan ta’uurra darbee , dargaggootaaf carraa hojii bal'aa kan uuman waan ta'eef faayidaansaa olaanaa ta’uu ibsiteetti.